''finxaaleyyoonni badan(worra daangaa darban, akka barbaachisuun alatti waa jajjabeessan)

''finxaaleyyoonni badan(worra daangaa darban, akka barbaachisuun alatti waa jajjabeessan)

Abdullaah ilma Mas'uud irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jeddhan: ''finxaaleyyoonni badan(worra daangaa darban, akka barbaachisuun alatti waa jajjabeessan)" yeroo sadi akkas jedhan.

[Sahih/Authentic.] [Muslim]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hoongaa'uu fi kasaaraa worra diinii fi duniyaa, jechootaa fi hojiiwwan isaanii keessatti akka ta'uu maluun alatti waa jajjabeessuun, kan daangaa shari'aa Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ittiin dhufan darbanii himan.

فوائد الحديث

Wontoota hunda keessatti humnaa ol waa jajjabeessuu fi humnaa ol of dirquun haraama ta'uu fi waan hunda keessatti isa irraa fagaachuutti kakaasuudha, keessattuu ibaadaa fi namoota gaggaarii guddisuu keessatti.

Ibaadaa fi waan biroo keessatti waan sirriitti guutame barbaaduun waan gaarii irraa ta'uu fi sun immoo shri'aa hordofuun akka ta'uu qabudha.

Wanta yaachisaa ta'e keessatti gadi jabeessuun jaallatamaa ta'uudha, Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- himattii kana yeroo sadii waan irra deddeebi'anii himaniifi.

Gaarummaa Islaamaatii fi laafummaa isaa.