mee maal irratti waadaa siif galla? isaanis ni jedhan: "Osoo homaa itti hin daballee Rabbiin gabbaruu, salaata shanan salaatuu, tole jechuu fi -dubbii dhokataa wahii gadi qabatanii dubbatan- homaa namoota gaafachuu dhabuu irratti

mee maal irratti waadaa siif galla? isaanis ni jedhan: "Osoo homaa itti hin daballee Rabbiin gabbaruu, salaata shanan salaatuu, tole jechuu fi -dubbii dhokataa wahii gadi qabatanii dubbatan- homaa namoota gaafachuu dhabuu irratti

Abuu Muslim Al-Khawlanii irraa odeeffamee akkana jedhe: Jaallatamaa fi amanamaatu naaf odeesse, inni anaaf jaallatamaadha, ana birattis amanamaadha, inni Aowf bin Maalik Al-Ashja'iidha, Rabbiin isa irraa haa jaallatuu akkas jedhe: Sagal ykn saddeet ykn torba taanee Ergamaa Rabbii bira turre, -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- Isaanis akkas jedhan:- "Ergamaa Rabbiitiif waadaa hin galtanii?" nuti waadaa eega isaanif seenne hin turre, kanaaf akkas jenneen: yaa Ergamaa Rabbii dhugumatti waadaa siif seenneerra, isaanis eegasii akkas jedhan: "Ergamaa Rabbiitiif waadaa hin galtanii?" nutis akkas jenne: yaa Ergamaa Rabbii dhugumatti waadaa siif seenneerra, ammas akkas jedhan: "Ergamaa Rabbiitiif waadaa hin galtanii?" ni jedhe: harka keenya diriisinee akkana jenne: yaa Ergamaa Rabbii waadaa siif galleerra, mee maal irratti waadaa siif galla? isaanis ni jedhan: "Osoo homaa itti hin daballee Rabbiin gabbaruu, salaata shanan salaatuu, tole jechuu fi -dubbii dhokataa wahii gadi qabatanii dubbatan- homaa namoota gaafachuu dhabuu irratti" dhugumatti garii namoota sanaa alangeen tokkoo isaanii irraa kufee nama tokkollee akka isa isaaf laatu kan hin gaafanne ta'uudhan arge.

[Sahih/Authentic.] [Muslim]

الشرح

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- sahaabota baay’ee wajjin turanii, yeroo sadii akka isaanif waadaa galanii dhimmoota murtaa’an irratti akka ahdii isaan godhan isaan irraa barbaadan: Tokkoffaan: Ajajoota Isaa raawwatanii dhoorgaalee Isaa irraa fagaachuun osoo homaa Isaatti hin dabalin Rabbii tokkicha gabbaruudha. Lammaffaan: Salaata shanan guyyaa fi halkan keessatti dirqama ta'an dhaabuudha. Sadaffaan: Hooggantoota waan beekamaa ta'een dhagayuu fi tole isaan jechuudha. Afraffaan: Dhimma ofii hunda Rabbiin gahatanii sana irraa homaa namoota gaafachuu dhabuudha, Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- dubbii kana yeroo dubbatan sagalee isaanii gadi qabataniiti dubbatan. Sahaabonni -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- wanta waadaa galan sana raawwataniiru, hanga namichi hadiisicha odeesse jedhutti: Garii sahaabota sanaa kan tokkoo isaanii irraa alangeen kufee akka isa isaaf kennu nama tokkollee osoo hin gaafatin ofii isaati yaabbii isaa irraa bu'ee isa kan fudhatu dhugumatti ergeera.

فوائد الحديث

Namoota gaafachuu dhiisuu, waa nama gaafachuu jedhamu hunda irraa qulqullaa'uu fi osoo dhimma salphaa osoo ta'ellee namoota irraa duroomuu irratti nama kakaasuudha.

Gaaffiin irraa dhorgame: gaaffii dhimmoota addunyaa wajjiin waan wal qabatuudha, kanaafuu ilmii fi dhimmoota amantaa irraa gaafachuu hin ilaallatu.