Dhaga'aa! nama wohii osoo inni siree isaa irra hirkatee jiruu hadiisni ana irraa isaa qaqqabee jennaan, akkas jedha: gidduu keenyaa fi gidduu keessanitti kitabni Rabbii jira

Dhaga'aa! nama wohii osoo inni siree isaa irra hirkatee jiruu hadiisni ana irraa isaa qaqqabee jennaan, akkas jedha: gidduu keenyaa fi gidduu keessanitti kitabni Rabbii jira

Miqdaam ilma Ma'adii karib irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: "Dhaga'aa! nama wohii osoo inni siree isaa irra hirkatee jiruu hadiisni ana irraa isaa qaqqabee jennaan, akkas jedha: gidduu keenyaa fi gidduu keessanitti kitabni Rabbii jira, waan isa keessatti halaala ta'ee argine halaala godhanna, waan isa keessatti haraama ta'ee argine haraama godhoona, dhugumatti wanti ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- haraama godhe akkuma waan Rabbiin haraama godheeti".

[Sahih/Authentic.] [Ibn Maajah]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhugumatti yeroon nama irraa gosti wohii taa'ee akkas jedhu dhihaate jedhan, tokkoon isaanii siree isaa irratti hirkatee, hadiisni nabiyyii irraa isa gahee jennaan -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedha: kan dhimmoota keessatti gidduu keenyaaf gidduu keessan adda baasu qur'aana kabajamaadha inni nuuf gaha, halaala irraa waan isa keessatti agarre isatti hojjana, haraama irraa waan isa keessatti agarre isa irraa fagaanna. Eegasii Nabiyyiin -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- hundi wanti isaan haraama godhanii yookaan hadiisa isaanii keessatti irraa dhoorganii inni murtoo keessatti akkuma waan Rabbiin qur'aana Isaa keessatti haraama godhee akka ta'e ifa galchan, waan isaan dhugumatti Rabbii isaanii irraa kan geessan ta'niif jecha.

فوائد الحديث

Akkuma qur'aanni guddifamutti hadiisnis guddifamee ittiis hojjatamuudha qabaadha.

Rasuulaan buluun Rabbiin buluudha, akkasumas isaan faalleessuun Rabbii ol ta'e faalleessuudha.

Hadiisni ragaa ta'uun isaa ragga'uu fi nama hadiisa deebisu yookaan mormu irratti deebisuudha.

Namni hadiisa irraa garagalee qur'aana irratti gabaabbachuu himate inni jara lameenuu irraa bakkatti garagalee jira, himannaa isaa kan qur'aanan hordofa jedhe keessattis kijibeera.

Waan nabiyyummaa isaaniitti akeekuu keessaa -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan tokko irraa fulduratti dhugumatti ni argama jedhanii himuudha, akkuma isaan himanittis argamee jira.