إعدادات العرض
Irra caalaan saffii dhiiraa jalqba isaatii, irra hamaan isaa immoo xumura isaati, irra caalaan saffii dubartootaa xumura isaati, irra hamaan isaa immoo jalqaba isaati
Irra caalaan saffii dhiiraa jalqba isaatii, irra hamaan isaa immoo xumura isaati, irra caalaan saffii dubartootaa xumura isaati, irra hamaan isaa immoo jalqaba isaati
Abuu hurayraa irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Irra caalaan saffii dhiiraa jalqba isaatii, irra hamaan isaa immoo xumura isaati, irra caalaan saffii dubartootaa xumura isaati, irra hamaan isaa immoo jalqaba isaati».
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Tagalog Türkçe اردو हिन्दी 中文 Kurdî Português অসমীয়া Kiswahili ગુજરાતી Tiếng Việt Nederlands සිංහල Hausa پښتو नेपाली മലയാളം Кыргызча Română Svenska తెలుగు ქართული Moore Српски Magyar Македонски Čeština Українська Azərbaycan Kinyarwanda Malagasy Wolof ไทย मराठी ਪੰਜਾਬੀ دری አማርኛ ភាសាខ្មែរ Lietuvių Deutsch ಕನ್ನಡالشرح
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- salaata keessatti irra caalaan saffii dhiiraa, akkasuma mindaa irra hedduu fi sadarkaa irra hedduu kan qabu saffii jalqabaa akka ta'e himani; imaamatti waan dhihaatanii qiraatii isaa waan dhaggeeffatanuu fi dubartoota irraa fagoo waan ta'eef jecha. Irra hamaa fi mindaa fi sadarkaatti irra gadi aanaan isaa akka ilaalcha shari'aatti xumura isaati. Irra caalaan saffii dubartootaa xumura isaati; isaaniif waan irra dhoksaa ta'eefi, akkasuma dhiirotaan wolitti makamuu fi isaan ilaaluu irraa irra fagoo waan ta'eefi, irra hamaan isaa jalqaba isaati; dhiiratti dhihaachuu fi fitnaaf saaxilamuuf dhihoo waan ta'eef jecha.فوائد الحديث
Ibaadaa fi salaataaf saffii jalqabaatiif ariifaachuu irratti dhiirota kakaasuutu keessa jira.
dubartoonni dhiirotaa woliin masjiidatti saffii kophaa ba'e irratti salaatuun eeyyamamaa ta'uu isaa.
dubartooonni yeroo masjiidatti wolitti qabaman, akkuma saffii dhiirotaa addatti saffii godhatu, adda adda ba'anii hin salaatanu, saffii qajeelchanii qaawwa duuchuutu isaan irra jiraata, akkuma saffii dhiirotaatti.
shari'aan dubartoonni dhiirota irraa akka fagaatanuuf eeguu jabaa gochuu isaa ibsuutu keessa jira, bakka ibaadaan itti godhamu yoo ta'ellee.
namoonni akkaataa hojii isaaniitiin kan wol caalan ta'uu isaa.
Aalimni islaamaa Nawawiin akkas jedhe: saffiin dhiirotaa akkuma jirutti, yeroo hundaa irra caalaan isaan jalqaba isaati, yeroo hundaa irra hamaan isaa xumura isaati, saffiin dubartootaa immoo hadiisaan kan itti fedhame: saffii dubartoota worra dhiirotaa woliin salaatanuuti, yoo dhiiraan adda ba'anii kan salaatan ta'e immoo isaanis akka dhiirotaati; irra caalaan saffii isaanii jalqaba isaa ta'a akkasuma irra hamaan saffii isaanii xumura isaa ta'a.
Nawawiin itti dabaluun akkas jedhe: saffiin faarfamaan kan hadiisni sadarakaa isaa ibsuu fi itti kakaasuun dhufe inni saffii isa imaamatti aanudha; abbaan isaa dursee yoo dhufes booda hafee yoo dhufes, akkasuma wonti adda baasuu fi kan sana fakkaatan yoo seenes yoo seenuu dhabes tokkuma.