“Tokkoon keessan yeroo imaama dura mataa isaa ol kaasu, Rabbiin mataa isaa mataa harree taasisuu, ykn Rabbiin suuraa isaa suuraa harree taasisuu hin sodaatuu?

“Tokkoon keessan yeroo imaama dura mataa isaa ol kaasu, Rabbiin mataa isaa mataa harree taasisuu, ykn Rabbiin suuraa isaa suuraa harree taasisuu hin sodaatuu?

Abuu Hureyraa irraa odeeffamee Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhan: “Tokkoon keessan yeroo imaama dura mataa isaa ol kaasu, Rabbiin mataa isaa mataa harree taasisuu, ykn Rabbiin suuraa isaa suuraa harree taasisuu hin sodaatuu?".

[sirrii] [Bukharif muslim irratti waliigalan]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- nama imaama isaa dura mataa isaa ol kaasu irratti akeekkachiisa jabaadha himan, innis Rabbiin mataa isaa mataa harree taasisuudhaan, ykn suuraa isaa suuraa harree taasisuudhaan.

فوائد الحديث

Nama imaama waliin salaatuf haalawwan afurtu jiru: sadii dhoorgamoodha, isaanis: imaama dorgomuu, wal qunnamuu fi imaama irraa boodatti harkifachuudha, inni nama imaamatti hidhatee saalaatuuf karaa godhame: imaama hordofuudha.

Salaata keessatti mama imaama waliin salaatu irratti imaama hordofuun dirqama ta'uudha.

Suuraa nama imaama dura mataa isaa ol kaasuu gara suuraa harretti jijjiiramuun akeekkachiisuun waanuma malu, innis suuraa namaa gara irra fokkataa suuraatti jijjiiruudha.

التصنيفات

seera imaamaatiifii ma'imuumaa