Yaa Rabbi! azaaba qabrii, gidira ibiddaa, rakkina jireenyaa, rakkina du’aati fi qormaata masiih addajjaal irraahiin sitti maganfadha

Yaa Rabbi! azaaba qabrii, gidira ibiddaa, rakkina jireenyaa, rakkina du’aati fi qormaata masiih addajjaal irraahiin sitti maganfadha

Abuu Hureeyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkas jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhanii kadhataa turan: "Yaa Rabbi! azaaba qabrii, gidira ibiddaa, rakkina jireenyaa, rakkina du’aati fi qormaata masiih addajjaal irraahiin sitti maganfadha”. jecha biroo kan Muslim keessatti: "Tokkoon keessan tashahhuda yeroo xumuretti (tashahhuda xumuree osoo salaamtaa hin jenne jechuudha) waan afur irraa Rabbitti haa maganfatu: Adabbii Jahannam, adabbii qabrii, rakkina jireenyaa, rakkina du'aati fi qorumsa masiih addajjaal irraa".

[sirrii] [Bukharif muslim irratti waliigalan]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- salaata keessatti tashahhuda xumuraa boodaa fi salaamtaa duratti waa afur irraa kan Rabbitti majanfatan ta'an, akkasumas wantoota afran san irraa Rabbitti majanfatutti nu ajajan, Tokkoffaan: Azaaba qabrii irraayi. Lammaffaan: Azaaba ibiddaa irraayi, sun immoo guyyaa qiyaamatti. Sadaffaan: Rakkina jireenyaa kan akka fedhiiwwan addunyaa tan haraamatii fi shakkiilee ishee kan nama jallisan irraa majanfachuudha, akkasumas Rakkina du'aa kan yeroo duuti namatti dhufe irraa majanfachuudha, sun akka Islaamummaa yookaan sunnaa irraa jallachuuti, yookaan rakkina qabrii kan akka gaaffii Nakiiri fi Munkariiti. Afraffaan: Qormaata masiih addajjaal kan dhuma addunyaa keessatti bahee Rabbiin isaan gabroota Isaa mokkoruudha, addatti wanni isa dubbataniif waan qormaanni isaatii fi jallisiinsi isaa guddaa ta'eef jecha.

فوائد الحديث

Majanfannaan kun du'aa'iiwwan akkaan babaachisoo ta'an kan of keessatti waan hedduu qabatan keessaa isa tokkoodha, sababni isaas waan rakkinoowwan Addunyaa fi Aakhiraa irraa majanfachuu hammateef jecha.

Azaabni qabrii mirkanaa'uu fi dhugaa ta’uudha.

Fitnaan balaa guddaa qabaachuu fi isirraa nagaa ta'uuf Rabbiin gargaarsichuu fi du'aa'ii godhachuun barbaachisaa ta'uudha.

Xumura addunyatti bahiinsa Dajjaal raggaasisuu fi mokkorri isaa guddaa ta'uu ibsuu ibsuudha.

Du'aa'iin kun booda tashahhuda xumuraatti barbaachisaa ta'uudha.

Booda hojii gaariitii du'aa'ii godhachuun barbaachisaa ta'uudha.

التصنيفات

zikriiwwan salaataa