إعدادات العرض
Tokkoon keessan manaama jaallatu yoo arge, inni Rabbi biraa waan ta’eef, Rabbiin haa galateeffatu, namattis haa himu, waan biraa kan hin jaallanne yoo arge immoo inni Sheyxaana irraayi, kanaaf sharii isaa irraa haa maganfatu, namattis hin himin, sun isa hin miidhu
Tokkoon keessan manaama jaallatu yoo arge, inni Rabbi biraa waan ta’eef, Rabbiin haa galateeffatu, namattis haa himu, waan biraa kan hin jaallanne yoo arge immoo inni Sheyxaana irraayi, kanaaf sharii isaa irraa haa maganfatu, namattis hin himin, sun isa hin miidhu
Abuu Sa’iid Al-Khudrii irraa akka odeeffametti, Rabbi irraa haa jaallatu, Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhan: «Tokkoon keessan manaama jaallatu yoo arge, inni Rabbi biraa waan ta’eef, Rabbiin haa galateeffatu, namattis haa himu, waan biraa kan hin jaallanne yoo arge immoo inni Sheyxaana irraayi, kanaaf sharii isaa irraa haa maganfatu, namattis hin himin, sun isa hin miidhu».
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Bahasa Indonesia Türkçe اردو 中文 हिन्दी Tagalog Français ئۇيغۇرچە Hausa Kurdî Kiswahili Português සිංහල Русский Nederlands Tiếng Việt ગુજરાતી অসমীয়া አማርኛ پښتو ไทย नेपाली മലയാളംالشرح
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- manaamni gaarii fi gammachiisaa ta'e Rabbi biraa akka ta’e himanii, namichi sana irratti Rabbiin galateeffatee, akka namatti isa himu qajeelfama kennan, Waan jibbu fi gaddisiisu yoo arge ammoo, inni sheyxaana biraa waan ta'eef, sharrii isaa irraa Rabbitti maganfatee, namatti akka hin himne qqajeelfama kennan, inni isa hin miidhu, Rabbiin wanta dubbatame kana miidhaa abjuu sanaan dhufu irraa nagaa bahuuf sababa waan godheef jecha.فوائد الحديث
Qooddaalee abjuu: 1- Abjuu gaariidha, innis abjuu dhugaa fi gammachuu Rabbi irraa tahe kan inni ishee argu ykn kan namni biroo isaaf argu. 2. Haasaa lubbuuti, isheen waan namichi osoo dammaqee jiruu ofiin ofitti haasa'uudha. 3. Gaddaa fi sodaachisuu sheyxaanaa fi cinqii isaati ilma Aadam gaddisiisuuf jecha.
Waa'ee abjuu gaarii ilaalchisee wanti dubbatame walitti qabaan waan sadii: Rabbiin galateeffachuu, itti gammaduu fi waa'ee isaa namatti himuudha, galuu warra isa jaallatuuf malee warra jibbuuf miti.
Walitti qabaan waan abjuu jibbamaa keessatti dubbtame waan shan of keessatti hammata: Hammeenya isaa fi sheyxaanaa irraa Rabbiitti maganfachuu, Yeroo hirriba irraa ka’u, yeroo sadii gama bitaa isaa irratti tufu fi nama tokkotti waa'ee isaa dubachuu dhabuudha, hirriiba isaatti deebi'uu yoo barbaade cinaacha dura irra jiru irraa ni jijjiirata, akkas godhe taanan abjuun sun isa hin miidhu.
Ibnu Hajar akkana jedhe: Ogummaan kana keessa jiru, namichi abjuu gaarii nama hin jaalannetti yoo hime, jibbaa ykn inaaffaa irraa kan ka’een haala inni hin jaalanneen isaaf hiikuu danda’a. Akka sanatti argamu danda'a ykn gaddaa fi dhiphinni itti dhagaʼamuu dandaʼa, sababaa sanaatiif nama hin jaalannetti akka hin himne ajajani.
Yeroo qananiin argamee tolli namaaf haaromfametti Rabbiin galateeffachuun barbaachisaa akka ta'eedha, suni qananichi itti fufiinsa qabaachuuf sababaadha.
التصنيفات
naamusa manaamaa