kun dhagaa erga woggaa torbaatamaatii ibiddatti darbame, inni hanga ammaatti ibidda keessatti gadi knkolaataa ture hanga guyyaa hardhaa dhuma ibiddaa qaqqabetti

kun dhagaa erga woggaa torbaatamaatii ibiddatti darbame, inni hanga ammaatti ibidda keessatti gadi knkolaataa ture hanga guyyaa hardhaa dhuma ibiddaa qaqqabetti

Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaalatu- ni jedhe: Ergamaa Rabbii woliin yeroo turre tokkotti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-, sagalee rifaasisaa dhaga'ani, nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhani: «waan kun ta'e beektuu?» ni jedhe: Rabbumaa fi ergamaa isaatu beeka jenne, nabiyyiinis akkas jedhani: «kun dhagaa erga woggaa torbaatamaatii ibiddatti darbame, inni hanga ammaatti ibidda keessatti gadi knkolaataa ture hanga guyyaa hardhaa dhuma ibiddaa qaqqabetti».

[sirrii] [Muslimtu gabaase]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sagalee jeequ wohii akka qaamni wohii kufeetti dhaga'ani, sahaabota -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- isaan bira jiran sagalee sana irraa akkas jechuun gaafatani, isaanis Rabbumaa fi ergama isaatu beeka jedhani. Nabiyyiinis -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas isaaniin jedhani: sagaleen isin dhageessan kun dhagaa erga woggaa torbaatamaatii fiixee jahannam irraa darbamee konkolaataa isii keessa gadi deemaa ture yeroo isiin sagalee isaa dhageessan kanatti dhuma isii qaqqabedha.

فوائد الحديث

Hojii gaariidhaan guyyaa Aakhiraatiif qophaa'uutti kakaasuu fi ibidda jahannam irraa sodaachisuutu keessa jira.

Ilmi namaa waan beekumsa itti hin qabne keessatti beekumsa gama Rabbiitti hirkisuun jaallatamaa ta'uu isaa.

Barsiisaan ibsuun duratti xiyyeefannaa fi dammaqiinsa uumuu; hubachiisuuf akka gargaaruuf jecha.

التصنيفات

sifaata jannataafii ibiddaa