Addunyaa tana keessatti gabrichi gabricha biraa hin sattaru, Rabbiin guyyaa qiyaamaa isa sattaru malee

Addunyaa tana keessatti gabrichi gabricha biraa hin sattaru, Rabbiin guyyaa qiyaamaa isa sattaru malee

Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: «Addunyaa tana keessatti gabrichi gabricha biraa hin sattaru, Rabbiin guyyaa qiyaamaa isa sattaru malee».

[sirrii] [Muslimtu gabaase]

الشرح

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- muslimni kamiyyuu dhimma dhimmoota irraa ta'e wahii keessatti obboleessa kan muslimaa sattaree jennaan, Rabbiin ol ta'e guyyaa qiyaamaa isa sattaru malee akka hin hafne ibsan; galatni gosa hojiitiin waan ta'eef jecha, Rabbiin dhoksuufin, qaanyii fi badiin isaa akka namootatti hin mul'anne taasisuuni, irratti isa herreguu dhiisuu fi isatti kaasuu dhabuunis ta'u danda'a.

فوائد الحديث

Yeroo muslimni tokko yakka hojjate sana isa irratti mormuu, isaaf nasiihaa godhuu fi Rabbiin isa sodaachisuu waliin isaaf dhoksuun karaa ta'uudha, garuu yoo inni warra sharrii fi badii kan ifatti badii hojjatan irraa ta'e isaanif dhoksuun hin barbaachisu; isaanif dhoksuun badii irratti isaan jajjabeessa waan ta'eef jecha, dhimmi isaa warra itti gaafatamummaa qabanitti dabarfama, osoo sana keessatti maqaa isaa dhawulleen ta'ee; waan inni ifaa ifatti hojjataa jiruuf jecha.

Dogoggora namoota biroo akka dhoksan jajjabeessuu.

Faayidaa badii namaaf dhoksuun qabu keessaa: Namni dilii dalage tokko akka badii sana dhiisee gara Rabbiitti towbaa deebi'uuf carraa kennuufiidha, sababni isaas badii fi dhimma qaanii labsuun safuu babal’isuu irraa waan ta’eef jecha, sun immoo haala hawaasummaa balleessa, namoonni akka badii raawwatan kakaasa.

التصنيفات

tawhiida maqaaleefii sifaataa, amala gaarii