Muslimni qabrii keessatti yeroo gaafatame, Rabbiin malee gabbaramaan haqaa akka hin jirree fi Muhaammad Ergamaa Rabbii ta’uu ragaa ba’a

Muslimni qabrii keessatti yeroo gaafatame, Rabbiin malee gabbaramaan haqaa akka hin jirree fi Muhaammad Ergamaa Rabbii ta’uu ragaa ba’a

Al-Baraa bin Aazib irraa odeeffamee, Rabbiin irraa haa jaallatu, Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- akkana jedhan: «Muslimni qabrii keessatti yeroo gaafatame, Rabbiin malee gabbaramaan haqaa akka hin jirree fi Muhaammad Ergamaa Rabbii ta’uu ragaa ba’a», Kun jecha Rabbiiti: {Rabbiin warra amanan jecha jabaadhaan jireenya duuniyaa fi aakhiraa keessatti raggaasisa} [suuraa Ibraahim: 27].

[sirrii] [Bukharif muslim irratti waliigalan]

الشرح

Mu’uminni qabrii keessatti ni gaafatama, Malaaykonni lamaan akkas gochuuf ramadaman, isaan lamaan immoo akkuma Hadiisa hedduu keessatti dhufetti Munkarii fi Nakiiri, isa ni gaafatani, Rabbiin malee haqaan gabbaramaan akka hin jirree fi Muhaammad Ergamaa Rabbii akka ta’an ragaa baha. Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: Kuni jecha ragga'aa ta'e kan Rabbiin isa ilaalchisee akkana jedhe sani: {Rabbiin warra amanan jecha jabaadhaan jireenya duuniyaa fi aakhiraa keessatti raggaasisa} [suuraa Ibraahim: 27].

فوائد الحديث

Gaaffiin qabrii haqa akka ta'eedha.

Tolli Rabbiin gabroota Isaa mu'umintootaf duuniyaa fi aakhiratti oole guddaa ta'uudha, sunis jecha ragga'aa ta'e irratti isaan raggaasisuuni.

Sadarkaa Ragaa bahuu tokkichummaa Rabbii fi isa irratti du'uun qabuudha.

Duuniyaa keessatti amantii irratti ragga'uu fi karaa qajeelaa qabachuun, bakka du'atti towhiida irratti du'uu fi qabrii keessatti bakka gaaffii malaa'ikaa lamaaniitti ragga'uun Rabbiin mu'umina akka raggaasiseedha.

التصنيفات

jiruu barzakaa