Isa hin ajjeesin, ati yoo isa ajjeefte inni bakka ati osoo isa hin ajjeesin dura turte sanatti ta'ee, ati immoo bakka inni osoo jecha sana hin jedhin ture sanatti taata

Isa hin ajjeesin, ati yoo isa ajjeefte inni bakka ati osoo isa hin ajjeesin dura turte sanatti ta'ee, ati immoo bakka inni osoo jecha sana hin jedhin ture sanatti taata

Miqdaad bin Amrii Al-kindii irraa odeeffame Rabbiin isa irraa haa jaallatu: Inni Ergamaa Rabbiitiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- akkas jedhe: Nama kaafiroota irraa ta'e wahii yoon qunnamee, harka koo tokko seyfiidhaan na rukutee narraa ishee kute, eegasii mukatti na jalaa baqatee Rabbiif asallame jedhee. eega inni akkas jedhee isa nan ajjeesaa yaa ergamaa Rabbii mee naaf himi? Ergamaan Rabbitis -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhan: «Isa hin ajjeesin» innis ni jedhe: yaa ergamaa Rabbii, inni harka koo tokko narraa kutee, eega ishee kutee akkas jedhee bar? Ergamaan Rabbiis -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhan: «Isa hin ajjeesin, ati yoo isa ajjeefte inni bakka ati osoo isa hin ajjeesin dura turte sanatti ta'ee, ati immoo bakka inni osoo jecha sana hin jedhin ture sanatti taata».

[sirrii] [Bukharif muslim irratti waliigalan]

الشرح

Al-Miqdad bin Al-aswad -Rabbiin irraa haa jaallatu- Nabiyyii -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- yoo inni lola keessatti nama kaafiraa tokkoon wal qunnamee, seyfiidhaan walitti bahan, hanga kaafirichi tokkoo harka isaa lamaan tokko seyfii sanaan rukutee irraa kututti, Ergasii kaafirichi baqatee muka tokko jala seenee, akkana jedhee: Rabbiin malee haqaan gabbaramaan hin jiru, eega harka koo kutee isa ajjeesuun naaf ni hayyamamaa jedhee gaafate? Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhaniin: Isa hin ajjeesin. Innis ni jedhe: yaa Ergamaa Rabbii inni bar tokkoo harka lamaanii kute, kana waliinuu ajjeesuu hin qabuu?! Isaanis -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: Dhiiga isaa dhangalaasuun haraama waan ta'eef isa hin ajjeesin, Ati erga inni Islaamummaa fudhatee booda yoo isa ajjeeste; inni bakka kee qubata, Islaamummaa waan seeneef dhiigni isaa tikfamaa dha, ati immoo haluu bahachuuf jecha isa ajjeesuun dhiiga kee dhangalaasuun halaal ta'uu keessatti bakka isatti taata.

فوائد الحديث

Nama jechaas ta'ee gocha irraa wanni islaamummaa qabachuu isaa agarsiisu irraa bahe ajjeesuun isaa dhoorgamaadha.

Kaafiroota keessaa namni tokko yeroo lolaatti Islaamummaa yoo kan qabatu ta'e dhiigni isaa ni eegama, irraa of qusachuun dirqama taha, yoo faallaan sanii irraa kan hubatamu ta'e malee.

Muslimni fedhiin isaa gosummaa fi haluu bahachuu osoo hin taane shari'aa hordofuun isa irratti dirqama.

Ibnu Hajar akkana jedhe: faantuu haaraan tokko osoo hin argamne irraa gaafachuun ni danda'ama, kun dubbichi kun hin argamne jechuu irraa ka'uuni, Sana jibbuu irraa wanti warra duraa (salafaa) tokko tokko irraa gabaafame inni waan argamuun isaa takkee ta'e baana jechuun hiikama, wanni aadaa keessatti argamuun isaa malu immoo akka beekamuuf irraa gaafachuun ni danda’ama.

التصنيفات

islaama