Yahuudootaa fi Kiristaanota salaamtaan hin jalqabiinaa, tokkoo isaanii karaa irratti yoo argitan gara irra dhiphaa karatti isa maksaa

Yahuudootaa fi Kiristaanota salaamtaan hin jalqabiinaa, tokkoo isaanii karaa irratti yoo argitan gara irra dhiphaa karatti isa maksaa

Abuu Hureyraa irraa odeeffame, Rabbiin isa irraa haa jaallatu, Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: «Yahuudootaa fi Kiristaanota salaamtaan hin jalqabiinaa, tokkoo isaanii karaa irratti yoo argitan gara irra dhiphaa karatti isa maksaa».

[sirrii] [Muslimtu gabaase]

الشرح

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- yahuudaa fi Kiristaanota namni biroo hafee osoo walii galtee qabaatanillee salaamtaan isaan jalqabuu irraa dhoorganii, nuti karaa irratti tokkoo isaanii yeroo agarre gara irra dhiphaa karatti akka isa maksinu ibsan, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu, walakaa karaa inni deemuu qabu mu’umina, kaafirri immoo cinaatti goruu qaba, Muslimni haaluma kamiinuu hin xiqqaataa ta'uu hin qabu.

فوائد الحديث

Yahuudota, kiristaanotaa fi kaafiroota biroo kamiyyuu salaamtaan jalqabuun muslimaaf hin hayyamamuudha.

Yoo isaan salaamtaan eegalan akkana jechuun isaan irratti deebisuun ni danda'amaadha: 'Wa aleykum' jechuunis isin irrattis jechuudha.

Muslimni tokko sababa tokko malee itti yaadee nama kaafiraa rakkisuu hin qabu, garuu karaan dhiphoo ykn namaan guutamaa yoo ta'e Muslimni mirga caalu itti qabaata, kaafirri ammoo karaa irraa gara cinaatti goruu qaba.

Osoo haasaa hin badin, Jabeenya Muslimootaa agarsiisuu fi xiqqeenya warreen biroo mul'isuudha.

Sababa isaan Rabbiif ajajamuu didaniif Kaafiroota irratti dhiphisuun ta'a, sababa waan kanaa yoo kan beekan ta'an sun Islaamummaa qabachuu isaanitiif sababa ta'u danda'a; tarii ibidda irraa nagaa kan bahan ta'an.

Muslimni tokko akkanumatti lafaa ka'ee yoo barbaachisaa ta'e kaafiraan akkam jirta, akkam bulte, akkam oolte? fi kkf yoo jedheen rakkoo hin qabu; Sababni isaas dhoorgaan salaamtaa irraa waan ta'eef jecha.

Xeeybiin akkana jedhe: Wanti filatamu, nama bid'aa dalagu tokko salaamtaanjalqabuu dhabuudha, Nama hin beeknen yoo salaamtaa jedhee eegasii nama walii galtee qabu ykn nama bid'aa dalagu ta'uun ifa galee isa xiqqeessuuf jecha akkana jedha: salaama kiyya deeffadhe.

التصنيفات

naamusa salaamtaafii hayyama seensaa