إعدادات العرض
Salaata subhii namni salaate eegumsa Rabbii keessa jiraata
Salaata subhii namni salaate eegumsa Rabbii keessa jiraata
Jundub ilma Abdullaah Al-qasrii irraa odeefamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu ni jedhan: "Salaata subhii namni salaate eegumsa Rabbii keessa jiraata, Rabbiin eegumsa isaa irraa waa tokkoon isin hin barbaadin, namni eegumsa isaa irraa waa tokkoon isa barbaade dhugumatti isa qaqqaba, eegasii fuula isaatiin ibidda jahannam keessatti isa darbata".
[sirrii] [Muslimtu gabaase]
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी ئۇيغۇرچە Kurdî Português മലയാളം తెలుగు Kiswahili தமிழ் မြန်မာ Deutsch 日本語 پښتو Tiếng Việt অসমীয়া Shqip Svenska Čeština ગુજરાતી አማርኛ Yorùbá Nederlands සිංහල Hausa ไทย دری Fulfulde Magyar Italiano ಕನ್ನಡ Кыргызча Lietuvių or Română Kinyarwanda Српски O‘zbek Moore नेपाली Wolof Soomaali Malagasy Български Українська Azərbaycan ქართული lnالشرح
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni fajrii salaate eegumsa Rabbii, kunuunsa isaatiifi tika isaa keessa akka jiraatuu fi akka isa irraa deebisuu fi isaaf tumsu himani. Eegasii -rahmannii fi nageenyi isaan irra haa jiraatu- salaata fajrii dhiisuunis haa ta'uu yookaan nama isii salaatu tuquu fi isa irratti daangaa darbuun waadaa kana diiguu fi balleessuu irraa sodaachisani, namni sana hojjate dhugumatti eegumsa kana diigee jira, kanaaf haqa Rabbii keessatti waan daangaa darbeef Rabbiin isa barbaaduun dinniina jabaa haqa godhatee jira, namni Rabbiin isa barbaade isa qaqqaba, eegasii immoo fuula isaatiin ibidda keessa isa buusa.فوائد الحديث
Barbaachisummaa salaata fajriitii fi sadarkaa isii ibsuutu keessa jira.
Nama fajrii salaate nama hamtuun tuqu irratti sodaachisni jabaan dhufuu isaati.
Rabbiin nama gabroottan isaa gaggaarii tuqu irraa haaloo akka ba'uudha.
التصنيفات
sadarkaa salaataa