إعدادات العرض
Dhugumatti mallattoolee qiyaamaa irraa beekumsi kaafamuu, wallaalumni faca'uu, sagaagalummaan heddummaachuu, dhugaatii sammuu nama adoochu dhuguun heddummaachuu fi dhiirotiin xiqqaatanii fi dubartoonni hanga dubartii shantamaaf dhiirri tokko bulchaa ta'utti heddummaachuudha
Dhugumatti mallattoolee qiyaamaa irraa beekumsi kaafamuu, wallaalumni faca'uu, sagaagalummaan heddummaachuu, dhugaatii sammuu nama adoochu dhuguun heddummaachuu fi dhiirotiin xiqqaatanii fi dubartoonni hanga dubartii shantamaaf dhiirri tokko bulchaa ta'utti heddummaachuudha
Anas irraa akk odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: hadiisa wohii kan ergamaa Rabbii irraa -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhaga'e kan ana malee namni kamuu isiniif odeessuu hin dandeenyen dhugumatti isiniif odeessa: ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhaga'e: "Dhugumatti mallattoolee qiyaamaa irraa beekumsi kaafamuu, wallaalumni faca'uu, sagaagalummaan heddummaachuu, dhugaatii sammuu nama adoochu dhuguun heddummaachuu fi dhiirotiin xiqqaatanii fi dubartoonni hanga dubartii shantamaaf dhiirri tokko bulchaa ta'utti heddummaachuudha".
الترجمة
العربية English မြန်မာ Svenska Čeština ગુજરાતી አማርኛ Yorùbá Nederlands اردو Español Bahasa Indonesia ئۇيغۇرچە বাংলা Türkçe Bosanski සිංහල हिन्दी Tiếng Việt Hausa മലയാളം తెలుగు Kiswahili ไทย پښتو অসমীয়া Shqip دری Ελληνικά Български Fulfulde Italiano ಕನ್ನಡ Кыргызча Lietuvių Malagasy or Română Kinyarwanda Српски тоҷикӣ O‘zbek नेपाली Moore Kurdî Wolof Soomaali Français Azərbaycan Tagalog Українська bm தமிழ் ქართული Deutsch Português Македонски Magyar فارسی Русский 中文الشرح
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- mallattoolee dhaabbachuun qiyaamaan dhihaatuu keessaa beekumsi shari'aa kaafamuuu akka ta'e ibsani, sun immoo ulammoonni du'uudhaan ta'a. Bu'aan sanaa immoo wallaalummaan hedduumaatee faca'uu, sagaagalummaa fi wantoonni fokkatoon faca'uudha, akkasumas dhugaatii sammuu namaa adoochu dhuguun heddummaachuu, lakkoofsi dhiirotaa xiqqaatee lakooofsi dubartootaa heddummaachuudha; hanaga dubartii shantamaaf dhiirri tokko kan dhimmoota isaaniitiin dhaabbatuu fi kan faaydaawwan isaaniif itti gaafatamummaa fudhatu ta'utti.فوائد الحديث
Garii mallattoolee qiyaamaa ifa galchuutu keessa jira.
Beekumsi yeroo qiyaamaa wantoota dhokatoo Rabbiin beekumsa isii ofiif qofa taasise keessaati.
Isa dhabuun duratti beekumsa shari'aa barachuutti kakaasuutu keessa jira.