Hoolaa buburree fakkeeffamee duuti qabamee fidama

Hoolaa buburree fakkeeffamee duuti qabamee fidama

Abuu Sa'iid al-khudrii irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: "Hoolaa buburree fakkeeffamee duuti qabamee fidama, waamaan tokko: yaa warra jannataa, jedhee waama, isaanis hiixatanii ilaalu, kana beektuu? jedhaan, isaanis eeyyeen, kun du'a jedhuun, hundi isaaniituu dhugaan isa arganiiru, eegasii yaa warra ibiddaa jechuun waama, isaanis hiixatanii ilaalu, kana beektuu? jedhaan, isaanis ni jedhu: eeyyeen, kun du'a, hundi isaaniituu dhugumaan isa arganiiru, innis(duutis) ni gorra'ama eegasii ni jedha, yaa warra jannataa yeroo hunda jiraachuudhaa duuti hin jiru, yaa warra ibiddaa yeroo hunda jiraachuudha duuti hin jiru, eegasii aayaa tana ni qara'a: {Haala isaan daguu keessatti ta'aniin osoo isaan hin amanin yeroo dhimmichi murtaa'u, guyyaa gaabbii san isaan sodaachisi} [suurat maryam: 39], isaan kun daguu worra duuniyaa keessa jiru {isaan hin amananu} suura [maryam: 39]".

[sirrii] [Bukharif muslim irratti waliigalan]

الشرح

nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- duuti guyyaa qiyaamaa hoolaa korbeessa adii fi gurraachi isa keessa jiru fakkeeffamee akka dhufu ibsani eegasii ni waamama: yaa warra jannataa! mormawwanii fi gateettiwwa isaanii dheeressanii mataawwan isaanii ol fuudhaniii ilaalu, kana beektuu? isaaniin jedhama: isaanis ee kun du'a jedhu, hundi isaaniituu dhugaan isa arganii isa baraniiru, eegasii ammas waamaan tokko yaa warra ibiddaa jedhee waama: mormawwan isaanii fi gateettiwwan isaanii dheeressanii mataawwan isaani ol fuudhanii ilaalu, kana beektuu? jedha: ee kun du'a jedhu, hundi isaaniituu dhugaan isa arganiiru; ni gorra'ama, eegasii waamaan ni jedha: yaa warra jannataa yeroo hundaa jiraachuudha duuti hin jiru, yaa warra ibidaa yeroo hundaa jiraachuudha duuti hin jiru. sun mu'umintootaaf qananii keessa jiran irratti qananii dabalata akka ta'uu fi kaafirtootaaf immoo adabbii keessa jiran irratti adabbii dabalataa akka isaaniif ta'uufi eegasii nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni qara'ani: {haala isaan daguu keessatti ta'aniin osoo isaan hin amanin yeroo dhimmichi murtaa'u, guyyaa gaabbii san isaan sodaachisi} guyyaa qiyaamaa warra jannataa fi ibiddaa gidduu adda baafama, hunduu gara waan isatti deebibifamee haala yeroo hunda isa keessa jiraataa ta'een seena, kan balleesse waan hin tolchiniif, kan gabaabbate toltuu waan hin dabalanneef ni gaabba.

فوائد الحديث

deebiin ilma namaa aakhiraatti jannata keessa yeroo hunda jiraachuu yookaan ibidda keessa yeroo hunda jiraachuudha.

ulfaatina guyyaa qiyaamaa irraa haalaan sodaachisuu fi inni guyyaa gaabbii ta'uu isaa.

gammachuun warra jannataa walitti dhaabbataa ta'uu fi gaddi warra ibiddaa walitti dhaabbataa ta'uu ibsuudha.

التصنيفات

Guyyaa qiyaamaa dhugaoomsuu., sifaata jannataafii ibiddaa, Hiikaa ayatotaa