Inni duuniyaa keessatti miila lameeniin isa deemsise guyyaa qiyaamaatti fuula isaatiin isa deemsisuu irratti dandeettii hin qabuu?

Inni duuniyaa keessatti miila lameeniin isa deemsise guyyaa qiyaamaatti fuula isaatiin isa deemsisuu irratti dandeettii hin qabuu?

qataadaa irraa akka odeeffametti -Rabbi isaaf haa araaramu- ni jedhe: Anas ibnu maalik akka nuuf odeessetti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- namtichi tokko akkana jedhe: yaa nabiyyii Rabbii! kaafirri akkamitti fuula isaatiin kaafama?, nabiyyiinis ni jedhani: «Inni duuniyaa keessatti miila lameeniin isa deemsise guyyaa qiyaamaatti fuula isaatiin isa deemsisuu irratti dandeettii hin qabuu?» qatadaanis ni jedhe: guddinni Rabbii keenyaa natti haa ta'u lakki dandeettii qaba.

[sirrii] [Bukharif muslim irratti waliigalan]

الشرح

nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- kaafirri guyyaa qiyaamaa fuula isaatiin akkamitti kaafama?! jechuu irraa gaafatamanii, akkas jechuun deebisani: inni duuniyaa keessatti miila lamaan irratti isa deemsise guyyaa qiyaamaa fuula isaatiin isa deemsisuu irratti dandeettii hin qabuu?! Rabbiin waan hunda irratti danda'aadha.

فوائد الحديث

fuula isaatiin deemuun xiqqeenya kaafirri guyyaa qiyaamaatti xiqqaatu.

التصنيفات

Guyyaa qiyaamaa dhugaoomsuu., tawhiida Rabbummaa, tawhiida maqaaleefii sifaataa