Dhugumatti Inni ati jettuu fi itti waamtu kun gaariidha, Waan hojjenne kanaaf araarri jiraachuu osoo nutti himtee

Dhugumatti Inni ati jettuu fi itti waamtu kun gaariidha, Waan hojjenne kanaaf araarri jiraachuu osoo nutti himtee

Ibnu Abbaas irraa odeeffame Rabbiin isaan lamaan irraa haa jaallatu: Namoonni warra shirkii irraa ta'an tokko, dhugumatti kan ajjeesanii ajjeechaa baay'isanii fi heddumminaan kan zinaa raawwatan ta'an, sana booda gara Nabi Muhaammad -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dhufanii akkas jedhaniin: Dhugumatti Inni ati jettuu fi itti waamtu kun gaariidha, Waan hojjenne kanaaf araarri jiraachuu osoo nutti himtee, Aayaan Qur'aanaa tun ni buute: {(gabbarran Rabbii ammas) Warra Rabbiin wajjin gabbaramaa biraa hin waamanne, akkasumas warra lubbuu Rabbiin ajjeechaa isii haraama taasise haqaan maletti hin ajjeesne fi warra sagaagalummaa hin raawwanneedha} [Furqaan: 68], Aayaan biraas ni buute: {Jedhi: Yaa gabroota kiyya kan ofirratti daangaa dabritan, rahmata Rabbi irraa abdii hin kutatinaa} [Zumar: 53]

[sirrii] [Bukharif muslim irratti waliigalan]

الشرح

Namoonni mushrika ta'an tokko gara Nabiyyitti -nagaa fi rahmanni irratti haa jiraatu- ni dhufan, isaan kun Ajjeechaa fi sagaagalummaa baay'inaan dhugumatti kan raawwatan turan, Nabiyyichaan akkana jedhan:- Wanti ati Islaamummaa fi barsiisa isaa irraa gara isatti waamtu waan gaariidha, garuu haalli keenya fi shirkii fi diliiwwan gurguddaa irraa wanni nuti isa keessatti kufne maal fakkaata, araara ni qabaa? Egaa keeyyattoonni lamaan kan bu'an yoo ta’u, Rabbiin cubbuun baay’ee fi guddaa ta’us namoota irraa towbaa ni qeebala. Osoo sun ta’uu baatee silaa namoonni kufrii fi jallina isaanii itti fufanii amantii kanas hin seenan ture.

فوائد الحديث

Sadarkaa fi guddina Islaamummaan qabuudha, akkasumas inni diliiwwan irraa waan isa dura dabre akka diiguudha.

Rahmanni Rabbiin gabroota isaatif godhu bal'aa ta'uudha, akkasumas araaramnii fi dhiifamni Inni isaanif godhu bal'aa ta'uudha.

Shirkii, lubbuu haqaan maletti ajjeesuu fi sagaggaalummaa haraama taasisuudha, akkasumas warra cubbuu kana hojjatan doorsisuu of keessaa akka qabuudha.

Towbaan dhugaa tan ikhlaasa fi hojii gaarii of keessaa qabdu Rabbii ol ta'etti kafaruu dabalatee dilii gurguddaa hunda akka haqxuudha.

Rahmata Rabbii irraa abdii kutachuun haraama ta'uudha.

التصنيفات

islaama, Hiikaa ayatotaa