إعدادات العرض
Yaa Ilmaan namaa! Rabbiin ba’aa wallaalummaa fi abbaa ofiitin of tuuluu isin irraa buqqiseera
Yaa Ilmaan namaa! Rabbiin ba’aa wallaalummaa fi abbaa ofiitin of tuuluu isin irraa buqqiseera
Ibnu Umar irraa odeeffame Rabbiin isaan lamaan irraa haa jaalatu: Ergamaan -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- guyyaa injifannoo Makkaa ummata gorsanii akkas jedhan: "Yaa Ilmaan namaa! Rabbiin ba’aa wallaalummaa fi abbaa ofiitin of tuuluu isin irraa buqqiseera. Namoonni bakka lamatti qoodamu: Nama Qajeelaa Rabbiin sodaatu kan Rabbiin biratti kabaja qabuudha, kaan ammoo Nama gadhee jallaa Rabbiin biratti xiqqaataadha. Namoonni ilmaan Aadami, Aadam ammoo Rabbiitu biyyee irraa isa uume, Rabbiin akkas jedhe: {Yaa Ilmaan namaa! Nuti dhiiraa fi dubartii irraa isin uumne, akka isin wal beektaniif jecha sabootaa fi gosoota isin taasifne, Rabbiin biratti irra kabajamaan keessan irra Rabbiin sodaataa keessani, Rabbiin beekaa keessaa hubataadha} [Al-Hujuraati: 13].
الترجمة
العربية English မြန်မာ Svenska Čeština ગુજરાતી አማርኛ Yorùbá Nederlands اردو Bahasa Indonesia ئۇيغۇرچە বাংলা Türkçe සිංහල हिन्दी Tiếng Việt Hausa తెలుగు Kiswahili ไทย پښتو অসমীয়া دری Кыргызча Lietuvių Kinyarwanda नेपाली മലയാളം Bosanski Italiano ಕನ್ನಡ Kurdî Română Shqip Soomaali Српски Українська Wolof Moore Tagalog Malagasy தமிழ் Azərbaycan فارسی ქართული 中文 Magyarالشرح
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- guyyaa injifannoo Makkaa ummata gorsanii akkana jedhan: Yaa ilmaan namaa! Rabbiin dhugumatti boona fi of tuulummaa bara awaamummaa fi abbootin of dhaaduu isin irraa buqqiseera, namoonni gosa lama qabu: Nama Mu'umina qajeelaa Rabbiin sodaatu kan Rabbiin gabbaru, inni kun Rabbii guddaan biratti nama kabajamaadha, osoo namoota gidduutti nama sadarkaa qabu ykn hidda dhaloota kabajamaa qabu hin ta'inillee. Yookiin immoo kaafira safuu hin qabne kan jallaa ta'eedha, inni kun ammoo Rabbiin duratti xiqqaataa gadi galoo, sadarkaa hin qabneedha, osoo nama sadarkaa, kabajaa fi aangoo qabullee ta'ee. Namoonni hundinuu Ilmaan Aadam yoo ta’an, Rabbiin ammoo Aadamiin biyyee irraa uume, Namni ka’umsi isaa biyyee irraa ta’e of tuuluun of dinqisiifachuun sirrii miti. Ragaan dubbii kanaa jecha Rabbii guddaati: {Yaa Ilmaan namaa! dhiiraa fi dubartii irraa isin uumne, akka isin wal beektaniif jecha sabootaa fi gosoota isin goone, Dhugumatti Rabbiin biratti irra kabajamaan keessan irra Rabbiin sodaataa keessani. Rabbiin Beekaa keessa hubataadha} [Al-Hujuraat: 13].فوائد الحديث
Hidda dhalootaa fi sadarkaa irra jiraniin of jajuun dhorgaa ta'uudha.