Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dugda isaanii rukuu'a irraa yeroo ol kaasan akkana kan jedhan ta'an: "Sami'allaahu Liman Hamidah

Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dugda isaanii rukuu'a irraa yeroo ol kaasan akkana kan jedhan ta'an: "Sami'allaahu Liman Hamidah

Ibnu Abii Awfaa irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaallatu akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dugda isaanii rukuu'a irraa yeroo ol kaasan akkana kan jedhan ta'an: "Sami'allaahu Liman Hamidah, Allaahumma Rabbanaa lakal hamd Mil'assamaawaati wa mil' Ardi wa mil'a maa shi'ita min shey'in Ba'ad", jechuunis: Rabbiin nama Isa faarsef dhaga’e, Yaa Rabbii keenya faaruun siifi, faaruun samii fi dachii guutu, akkasumas eegasii wahirraa faaruun waan ati feete guutu siifi jechuudha.

[sirrii] [Muslimtu gabaase]

الشرح

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dugda isaanii rukuu'a irraa yeroo ol kaasan akkana kan jedhan ta'an: "Sami'allaahu Liman Hamidah", jechuunis: Nama Rabbii ol tahe faarse Rabbiin isaaf owwaatee, faaruu isaa isaaf qeebalee irrattis isa mindeessa. Ergasii akkana jechuun Allaaha ni faarsu: "Allaahumma Rabbanaa lakal hamdu, Mil'assamaawaat wa mil' Ardi wa mil'a maa shi'it min shey'in Ba'ad", faaruu samii fi dachii guutu, waan jidduu isaani jiruus, akkasumas faaruu wahirraa waan Rabbiin fedhe guutu

فوائد الحديث

Namni salaatu tokko yeroo Jilba qabachuu irraa mataa isaa ol kaase waan isa jechuun jaalatamu ibsuudha.

Erga jilba qabachuu irraa ol ka'anii tolchanii ol jechuu fi tasgabbiin karaa ta'uudha; Sababni isaas tasgabbaa’anii tasgabbiin yoo salaatan malee zikrii kana jechuun waan hin danda’amneef jecha.

Zikriin kuni salaata dirqamas ta’ee sunnaa hunda keessatti ni hayyamamaadha.

التصنيفات

Obligatory Acts of Prayer, akkaataa salaataa, zikriiwwan salaataa