إعدادات العرض
yeroo masjiida seenanitti akkas jedhu ture: «A'uuzu billaahil Aziim, wo bi wojhilkariim, wo sulxaanihil qadiim, minasheyxaanirrajiim
yeroo masjiida seenanitti akkas jedhu ture: «A'uuzu billaahil Aziim, wo bi wojhilkariim, wo sulxaanihil qadiim, minasheyxaanirrajiim
Abdullaah ibnu Amrii ibnu Aas irraa akka odeeffametti -Rabbi isaan irraa haa jaallatu-: Nabiyyii irraa odeesse -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo masjiida seenanitti akkas jedhu ture: «A'uuzu billaahil Aziim, wo bi wojhilkariim, wo sulxaanihil qadiim, minasheyxaanirrajiim» kana qofaa jedhe? eeyyeen kana qofa, ni jedhe: yeroo sana jedhetti sheyxaanni guyyaa isaa guutuu ana irraa tikfate jedha.
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी ئۇيغۇرچە Hausa Kurdî Português සිංහල Русский অসমীয়া Kiswahili Tiếng Việt ગુજરાતી Nederlands پښتو नेपाली മലയാളം Кыргызча Română Svenska Српски తెలుగు ქართული Moore Magyar Македонски Čeština Українська Azərbaycan Wolof Kinyarwanda Malagasy ไทย मराठी ਪੰਜਾਬੀ دری አማርኛ ភាសាខ្មែរ Lietuvių Deutsch ಕನ್ನಡالشرح
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo masjiida seenanitti akkas jedhu: (A'uuzu billaahil Aziim) Rabbii guddaa fi sifaata isaatiinan tikfamas eegamas. (wo bi wojhilkariim) fuula isaa kennaa fi arjaa ta'een. (wo sulxaanihi) Aangoo, moo'ichaa fi dandeetii inni uumama isaa irratti qabuun. (Al-qadiim) durattis kan ture fuuldurattis zalaalam kan jiraatu. (minasheyxaanirrajiim) sheyxaana rahmata Rabbii irraa fageeffamaa fi ari'atamaa kan ta'e irraa. akkas jechuun: yaa Rabbi woswasaa isaa, jallisa isaa, faana isaa, hasaassaa isaa, fakkeessaa isaa irraa na tiksi, isaatu jallinaaf sababaa ta'ee wollaalummaa irratti nama kakaasa. Abdullaah ibnu Amriin "kanuma qofaa?" jedhameen, akkas jechuun nabiyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- kana qofa jedhanii jechuudha. innis eeyyeen kana qofa jedhani jedhe. namni masjiida ol seenu du'aa'ii kan yoo jedhe: sheyxaanni immoo akkas jedha: namni ol seene kun yeroo isaa hunda guyyaa fi halkan isaa ana irraa tikfatee jira.فوائد الحديث
Yeroo masjiida ol seenan du'aa'ii kana jechuun sadarkaa akka qabuudha, nama isa jedhe guyyaa isaa hafte keessatti sheyxaana irraa isa tiksa.
Sheyxaana irraa sodaachisuutu keessa jira; inni muslima jallisuuf jecha isa eeggata.
muslimaaf jallisa sheyxaanaa irraa tikfamuun hanguma Rabbitti amanuun qalbii isaa keessatti gadi dhaabbatee, du'aa'ii kana yeroo hundaa godhachuu fi beellama Rabbiin isa irratti hundeesse dhugeessuun isaaf argama.