Mana saree fi suuraan keessa jiru malaa'ikaan hin seentu

Mana saree fi suuraan keessa jiru malaa'ikaan hin seentu

Abuu xalhaa irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Mana saree fi suuraan keessa jiru malaa'ikaan hin seentu».

[sirrii] [Bukharif muslim irratti waliigalan]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-malaa'ikaan rahmataa mana saree fi suuraan waan lubbuu qabuu keessa jiru akka hin seenne himani; sunis suuraan waan lubbuu qabuu: badii fokkataa waan ta'eefi, uumama Rabbiitti fakkeessuun waan isa keessa jiruufi, akkasuma sababaa gara shirkiitti qaqqabsiisu waan ta'eef jecha, gariin isii suuraa waan Rabbii gaditti gabbaramuuti. sababii mana sareen keessa jirtu malaa'ikaan hin senneef immoo: yeroo hedduu najaasaa waan nyaatuu fi gariin isii sheyxaana jedhamtee waan waamamtuuf jecha; malaa'ikaan immoo faallaa sheyxaanaati. akkasuma foliin saree badaa waan ta'eefi; malaa'ikaan immoo foolii badaa ni jibbiti, akkasuma mana keessatti saree godhachuun irraa dhoorgamaa waan ta'eefi; kanaaf namni mana keessatti isii guddifate malaa'ikaan rahmataa mana isaa seenuu, keessatti salaatuu, isaaf araarama kadhachuu, isaa fi mana isaa irratti barakaa buusuu fi akkasuma miidhaa sheyxaanaa isa irraa deebisuu dhabuudhaan adabame.

فوائد الحديث

Saree adamoo yookaan saree horii eegdu yookaan saree midhaan eegdu malee saree biraa guddifachuun haraama ta'uu isaa.

Suuraa mana keessa ol kaawwachuun wontoota fokkatoo malaa'ikaan irraa dheessan irraati, bakka wohii jiraachuun suuraa sababaa ittiin rahmata dhaban ta'a, akkasuma sareenis.

Malaa'ikaan isaan mana saree fi suuraan jiru hin seenne malaa'ikaa rahmataati, malaa'ikaan tiksanuu fi kanneen biroo kan hojii addaa addaa qaban, akka malaa'ikaa du'aafaa isaan mana hundaa ni seenu.

Suuraa waan lubbuu qabuu jidaaraa fi waan biroo irratti fannisuun dhoorgaa ta'uu isaa.

Aalimni islaamaa Al-khaxxaabiin akkas jedha: malaa'ikaan mana saree fi suuraan jiru hin seentu kan jedhame saree fi suuraa manatti isa kaawwachuun haraama ta'e irraa yoo ta'edha, kan haraama hin taane immoo akka saree adamoo fi kan horii eegdu, akkasuma suuraan afata, boraatii fi kanneen biroo irratti ta'u malaa'ikaan seenuu hin dhoorgu.

التصنيفات

tawhiida gabbaramummaa