Dhugumatti wanti ani isiniif baay’ee sodaadhu shirkii xixiqqoodha" Isaanis ni jedhan: Yaa Ergamaa Rabbii shirkii xiqqaan maali? Isaanis ni jedhan: “na argiidha

Dhugumatti wanti ani isiniif baay’ee sodaadhu shirkii xixiqqoodha" Isaanis ni jedhan: Yaa Ergamaa Rabbii shirkii xiqqaan maali? Isaanis ni jedhan: “na argiidha

Mahmuud bin Labiid irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-akkana jedhan: Dhugumatti wanti ani isiniif baay’ee sodaadhu shirkii xixiqqoodha" Isaanis ni jedhan: Yaa Ergamaa Rabbii shirkii xiqqaan maali? Isaanis ni jedhan: “na argiidha, Rabbiin ol ta'e Guyyaa Qiyaamaa, yeroo namoonni hojiilee isaanitiif mindaa argatanitti akkana jedha: Gara warra dur addunyaa keessatti argisiifataa turtanii deematii mindaa akka isaan biraa argattan mee ilaalaa".

[Sahih/Authentic.] [Ahmad]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ummata isaanitiif wanti akkaan sodaatan shirkii xiqqaa ta’uudha himan, innis namni na haa arguuf waa hojjachuudha. Eegasii guyyaa qiyaamatti adabbiin warra nama agarsiifachuuf jecha Hojjetanii akka akkas isaanin jedhamuu ta'e himan: Gara warra isaanif jecha hojjataa turtanii deemaatii hojii sana irratti akka mindaa isiniif kennuu danda'an mee ilaalaa?!

فوائد الحديث

Hojii Rabbii ol ta'e qofaaf qulqulleessanii hojjachuu fi na argii irraa fagaachuun dirqama ta'uudha.

Rifachuun Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ummata isaanitiif qaban, bololli isaan qajeelluma isaanitii qabanii fi gaarii isaanii yaaduun isaanii cimaa ta'uudha.

Kuni sahaabota dureeyyii warra gaggaarii ta'aniif sodaa isaanii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yoo ta'e, namoota isaan booda dhufan irratti sodaachuun ni cima.