Ani hawdii irra taa'een nama isin irraa gara koo dhufu ilaala, namootni gariin anaa gaditti qabamu, anis nan jedha: yaa Rabbi (isaan) ana irraati ummata koo irraati

Ani hawdii irra taa'een nama isin irraa gara koo dhufu ilaala, namootni gariin anaa gaditti qabamu, anis nan jedha: yaa Rabbi (isaan) ana irraati ummata koo irraati

Asmaa'a intala Abuu bakri irraa akka odeeffametti -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- ni jette: Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: "Ani hawdii irra taa'een nama isin irraa gara koo dhufu ilaala, namootni gariin anaa gaditti qabamu, anis nan jedha: yaa Rabbi (isaan) ana irraati ummata koo irraati, eegasii ni jedhamaan: waan isaan booda keetii hojjatan ni beektaa?, Rabbiinan kakadha (amantaa) isaanii irraa deebi'uu irraa boodatti hin jenne".

[Sahih/Authentic.] [Al-Bukhari and Muslim]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ummata isaanii irraa nama gara isaanitti dhufu ilaaluuf jecha guyyaa qiyaamaa hawdii isaanii irra akka taa'an ibsani, Namoonni gariin bakka isaanitti dhihoo irraa qabamani jennaan -Rahmanii fi nageenyi isaan irra haa jiraatu- ni jedhu: yaa Rabbi isaan na irraati ummata koo irraati, Ni jedhamaan: waan isaan booda siin gar gar bahanii hojjatan ni beektaa, Rabbiinan kakadhe isaan of booda deebi'uu fi amantaa isaanii irraa garagaluu hin dhiifne, kanaafuu isaan sirraa miti, akkasumas isaan ummata kee irraas miti.

فوائد الحديث

Rahmata nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ummata isaanitiif qabanii fi bolola isaan isaan irratti qabaniidha.

Hammeenya waan nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irra turan faallessuun qabuudha.

Karaa nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- qabachuutti kakaasuudha.