Tokkoon keessan yeroo wuduu'a godhatu bishaan funyaan isaa keessa ol galchee eegasii haa baasu, Namni bakka istinjatti dhagaa ykn waan isa fakkatu fayyadame witrii (qarii) haa godhuu

Tokkoon keessan yeroo wuduu'a godhatu bishaan funyaan isaa keessa ol galchee eegasii haa baasu, Namni bakka istinjatti dhagaa ykn waan isa fakkatu fayyadame witrii (qarii) haa godhuu

ِAbuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhan: "Tokkoon keessan yeroo wuduu'a godhatu bishaan funyaan isaa keessa ol galchee eegasii haa baasu, Namni bakka istinjatti dhagaa ykn waan isa fakkatu fayyadame witrii (qarii) haa godhuu, Namni hirriiba irraa dammaqe immoo bishaan itti wuduu'a godhatuu deemu keessa osoo isa hin galchine harka isaa haa dhiqatuu, sababni isaas harki isaa eessa akka bule waan hin beekneef jecha". Muslim akka gabaasetti: "Tokkoon keessan yeroo hirriiba irraa ka'e harki isaa eessa akka bule waan hin beekneef jecha hanga yeroo sadii isa dhiquutti harka isaa mi’a (meeshaa/qodaa) keessa akka hin galchine".

[sirrii] [Muslimtu gabaase - Bukharif muslim irratti waliigalan]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- garii seera qulqullummaa ibsan, sana irraa: Tokkoffaan: Namni wuduu’a godhatu afuura isaatiin bishaan funyaan isaa keessa ol galchee eegasii ammas afuura isaatiin baasuudha qabaadha. Lammaffaan: Namni bishaanin osoo hin taane waan akka dhagaa fi waan dhagaa fakkaatun najisa isa irraa bahe ofirraa qulqulleessuu barbaade waan sana watrii godhuu qaba, irra gadi aantin isaa sadii, irra ol aanan isaa immoo waan najisni bahe sun isaan citee iddoon qulqullaa'uniidha. Sadaffaan: Namni hirriiba halkanii irraa ka’e, hanga harka isaa yeroo sadii hanga dhiqutti wuduu'a godhachuuf meeshaa bishaanii keessa harka isaa galchuu hin qabuudha, sababni isaas inni harki isaa eessa akka bule waan hin beekneef jecha, kanaafuu najisummaa irratti amanuu hin danda'u, sheyxaannis itti taphatee wantoota ilma namaa miidhan ykn bishaan sana balleessan itti fidu danda'a.

فوائد الحديث

Istinshaaqni wuduu'a keessatti dirqama ta'uudha, innis: afuuran bishaan funyaan keessa ol galchuudha, akkasumas Istinsaarri dirqama ta'uudha, innis afuuran bishaan funyaan irraa baasuudha.

Dhagaan ykn waan isa fakkaatuun yeroo najisa ofirraa qulqulleesan isa witrii gochuun sunnaa ta'uudha.

Booda hirriiba halkaniitii harka lameen yeroo sadii dhiquun karaa ta'uudha.

التصنيفات

naamusa mana fincaanii, wuduu'a, naamusa hirriibaafii dammaqqii