إعدادات العرض
Mu’uminni dhiiraa tokko mu’umina dubartii hin jibbin, yoo amala ishee tokko jibbe kan biraa irraa jaalata
Mu’uminni dhiiraa tokko mu’umina dubartii hin jibbin, yoo amala ishee tokko jibbe kan biraa irraa jaalata
Abuu Hureyraa irraa odeeffamee Rabbiin irraa haa jaallatu akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhan: «Mu’uminni dhiiraa tokko mu’umina dubartii hin jibbin, yoo amala ishee tokko jibbe kan biraa irraa jaalata» Yookaan akkana jedhan: «kanaan ala».
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी සිංහල Hausa Kurdî Kiswahili Português دری অসমীয়া ไทย Tiếng Việt አማርኛ Svenska Yorùbá Кыргызча ગુજરાતી नेपाली Română മലയാളം Nederlands Soomaali پښتو తెలుగు Kinyarwanda ಕನ್ನಡ Malagasy Српски Mooreالشرح
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- abbaan manaa haadha manaa isaa jibbaa ishee miidhee ishee dhiisuu fi irraa gargaluu biraan isa gayu jibbuu irraa dhoorgan; Sababni isaas ilmi namaa hir'ina irratti uumame waan ta'ee jecha, amala badaa tokko yoo kan irraa jibbu ta'e, amala biraa gaarii irraa arga ta'a, Amala gaarii irraa arge sana ni jaallata, amala badaa san irratti obsa, kun akka inni obsa qabaatu fi jibbaa sadarkaa ishee waliin adda bahuu biraan isa gayu akka ishee hin jibbine isa taasisa.فوائد الحديث
Waldhabdee haadha manaa isaa wajjiin ka’u kamiyyuu keessatti haqa hojjechuu fi sammuu hojjechiisuutti mu'umina waamuudha, akkasumas miira hin taane fi lola keessa galuu dhabuutti isa waamuudha.
Haalli nama mu’uminaa tokko irraa eegamu mu’umina dubartii takka jibbaa isheen gargar bahutti isa geessu ishee jibbuu osoo hin taane, wanta irraa jaalatu ilaalee waan jibbu bira darbuudha.
Abbaa manaa fi haadha manaa haala fi saahibummaa gaariin waliin jiraachuu irratti kakaasuudha.
Iimaana qabaachuun gara haala gaggaarii qabaachuutti nama waama, Mu'uminni dhiiraa fi dubartiinis amala gaarii qabaachu irraa duwwaa hin ta'an; sababni isaas Iimaanni amaloonni gaggaariin isaan keessa jiraachuu waan gaafatuuf jecha.