إعدادات العرض
Namoonni osoo isaan lubbuun jiranii qiyaamaan isaan dhaqqabduu fi namoonni qabrii iddoo salaataa godhatan dhugumatti irra hamoo namootaa irraayi
Namoonni osoo isaan lubbuun jiranii qiyaamaan isaan dhaqqabduu fi namoonni qabrii iddoo salaataa godhatan dhugumatti irra hamoo namootaa irraayi
Abdullah ibnu Masu’uud irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaa Rabbiitti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhag'e: "Namoonni osoo isaan lubbuun jiranii qiyaamaan isaan dhaqqabduu fi namoonni qabrii iddoo salaataa godhatan dhugumatti irra hamoo namootaa irraayi".
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Tagalog اردو 中文 हिन्दी Kurdî Hausa Português മലയാളം తెలుగు Kiswahili தமிழ் සිංහල မြန်မာ Deutsch 日本語 پښتو Tiếng Việt অসমীয়া Shqip Svenska Čeština ગુજરાતી አማርኛ Yorùbá ئۇيغۇرچە Türkçe ไทย دری Кыргызча or Kinyarwanda नेपाली Română Lietuvių Malagasy ಕನ್ನಡ Nederlands Soomaali Српски Українська Wolof Moore ქართული Azərbaycan Magyar Македонскиالشرح
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- warri osoo isaan lubbuun jiranii qiyaamaan isaan irratti taatuu fi warri qabrii masjiidoota isii biratti salaatanii fi gara isitti salaatan taasifatan irra hamoo namootaa irraa akka ta'an dubbatan.فوائد الحديث
Masjiidoota qabrii irratti ijaaruu haraamessuudha; waan inni gara shirkitti nama geessuuf jecha.
Ijaarsa Masjiidaa malees qabrii biratti salaatuu haraamessuudha; Sababni isaas masjiidni iddoo sujuudaaf itti fayyadamaniif maqaa waan ta'eef jecha, osoma ijaarsi achi jiraachuu baatellee.
Namni qabrii namoota gaggaarii isii keessatti salaatuuf jecha masaajida godhate, Rabbii ol ta'etti dhihaachuufan sana hojjadha osoo jedhellee inni irra badoo uumamaa irraayi.
التصنيفات
mallatoolee qiyaamaa