Faana ilaallachuun (hoodannaan) shirkiidha, Faana ilaallachuun shirkiidha, Faana ilaallachuun shirkiidha, -yeroo sadii akkas jedhan-", Nurraa namni tokkolleen kan wanti sun qalbii isaa keessatti hin argamin hin jiru, garuu Rabbiin guddate tawakkulaan sana nurraa adeemsisa

Faana ilaallachuun (hoodannaan) shirkiidha, Faana ilaallachuun shirkiidha, Faana ilaallachuun shirkiidha, -yeroo sadii akkas jedhan-", Nurraa namni tokkolleen kan wanti sun qalbii isaa keessatti hin argamin hin jiru, garuu Rabbiin guddate tawakkulaan sana nurraa adeemsisa

Abdullaah bin Mas'uud irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhan: "Faana ilaallachuun (hoodannaan) shirkiidha, Faana ilaallachuun shirkiidha, Faana ilaallachuun shirkiidha, -yeroo sadii akkas jedhan-", Nurraa namni tokkolleen kan wanti sun qalbii isaa keessatti hin argamin hin jiru, garuu Rabbiin guddate tawakkulaan sana nurraa adeemsisa.

[sirrii] [ibnumaajah odeesse - tirmizii odeesse - abuu daawud odeesse - ahmad odeesse]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- faana ilaallachuu irraa akeekkachiisan, isheen simbirroo ykn wantoota lubbuu qaban ykn namoota qaama miidhamtoota ykn lakkoofsa ykn goyyoota ykn waan biroo irraa ta'ee waan dhaga'amu ykn mul'atu hunda irraa faana ilaallachuudha, Simbirroo wanni dubbataniif inni warra jaahiliyyaa biratti beekamaa waan ta'eef jecha, Ka’umsi isaa gocha akka imalaa ykn daldalaa ykn wantoota biroo eegaluuf yeroo jedhan simbirroo oofuudha, simbirroo sun yoo gara mirgaatti balali'e gaariitti yaadee waan gochuu barbaade itti fufa, gara bitaatti yoo balali'e immoo waan hamatti yaadee gocha isaa irraa dhaabbata. Gochi kun shirkii akka ta'es himaniiru, faana ilaallachuun shirkii wanni ta'eef; kheyrii fidee hamtuu kan deebisu Rabbii tikkicha shariika hin qabne qofa waan ta'eef jecha. Ibnu Mas'uud -Rabbiin isa irraa haa jaallatuu- faana ilaallachuun yeroo tokko tokko qalbii Muslimaa keessatti akka argamu eereera, garuu sababowwan hojjachuu waliin Rabbirratti hirkachuun of irraa deebisuun akka isa irra jirus eereera.

فوائد الحديث

Faana ilaallachuun shirkiidha; Sababni isaas waan Rabbiin malee jirutti qalbiin rarra'uun waan isa keessa jiruuf jecha.

Akka isaan kunuunfamanii fi qalbii keessatti ragga'aniif jecha dhimmoota barbaachisoo ta'an irra deddeebi'uun barbaachisaa ta'uudha.

Rabbii ol ta'e irratti hirkachuun faana ilaallachuu nama irraa dhabamsiisa.

Rabbiin qofa irratti hirkachuu fi rarra'iinsi qalbii Isa qofatti akka ta'u ajajuudha.

التصنيفات

shirkii, sadarkaa hojii qlbii