Yaa abbeeraa koo jedhi: Haqaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru, jecha Rabbiin biratti isaan siif mormu jedhi

Yaa abbeeraa koo jedhi: Haqaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru, jecha Rabbiin biratti isaan siif mormu jedhi

Sa’iid bin Al-Musayyaab Abbaa isaa irraa odeesse akkana jedhe: Gaafa Abuu Xaalibitti duuti dhufte Ergamaan Rabbii nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu gara isaatti dhufanii isa biratti Abu Jahlii fi Abdullaah bin Abii Umayyah bin Al-Mughiirah argan, eegasii akkana jedhaniin: "Yaa abbeeraa koo jedhi: Haqaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru, jecha Rabbiin biratti isaan siif mormu jedhi", Abu Jahlii fi Abdullaah bin Umayyaas akkas jedhaniin: Karaa Abdul muxxalib irraa of duuba deeb'uu barbaaddaa? Ergamaanis Nagaa rahmanni isaan irratti haa jiraatuu jecha sana isa irra fiduu irraa hin deemne, isaanis akkas jechuu deddeebisuu hin dhiifne, hanga Abuu xaalib jecha xumurarratti isaan dubbise keessatti akkana jedhuutti: Ani karaa Abdul muxxalib jira, Laa ilaaha illallaah jechuu ni dide, ni jedhe (Al-musayyab): Ergamaan Rabbii nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatuu akkas jedhaniin: "Rabbiin kakadhee hangan sirraa hin dhoorgaminitti araarama siif kadhadha", eegasii Rabbiin aayaa akkas jedhu buuse: {Mushrikootaaf araarama kadhachuun Nabiyyii fi warra amananiif hin malu} [Tawbaa: 113], Waa’ee Abuu xaalib keessatti Rabbiin aayaa buusuun Ergamaa Isaatiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- akkana jedhe: {Ati Nama jaallattu hin qajeelchitu, garuu Rabbiitu nama fedhe qajeelcha} [Qasas 56].

[sirrii] [Bukharif muslim irratti waliigalan]

الشرح

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- abbeeraa isaanii Abuu Xaalib haala inni du’aa jiruun irratti ol seenanii, akkas jedhaniini: Yaa abbeeraa koo, akkana jedhi: "Rabbiin malee haqaan gabbaramaan hin jiru", jecha ani Rabbiin biratti ittiin ragaa siif bahu, Abuu Jahlii fi Abdullaah bin Abii Umayyaas akkana jedhan: Yaa Abuu Xaalib karaa abbaa kee Abdul Muxxalib dhiiftaa?! Innis(karaan Abdul muxxalib) taabota gabbaruudha, jarri lameen isa dubbisuu irraa hin deemne hanga inni jecha dhumaa kan isaan jarattii dubbise keessatti akkana jedhutti: (ani) karaa Abdul Muxxalib irra jira, karaa shirkii fi taabota gabbaruudhaa, Nabiyyiiniis nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatuu akkana jedhan: waan Rabbiin kiyya araarama siif kadhachuu irraa na hin dhoorginiin araarama siif kadhadha, eegasii jechi Rabbii ol ta’ee kun ni bu’e: {Nabiyyii fi warra amananiif, mushrikootaaf (Rabbiin) araarama kadhachuun kan malu hin taane, osoo firoota dhihoo ta’anillee, erga warra jahannam ta’uun isaanii ifa isaaniif ta’ee booda} [Tawbah: 113] Waa'ee Abuu Xaalib keessatti jechi Rabbii Ol ta'ee kun bu'e: {Ati nama jaallatte hin qajeelchitu, garuu Rabbiitu nama fedhe qajeelcha, Inni warra qajeelan hunda caalaa beekaadha} [ِAl-qasas: 56]. Ati nama qajeelloo isaa jaallatte hin qajeelchitu, dirqamni kee ergaa geessuudha, Rabbiin nama fedhe ni qajeelcha.

فوائد الحديث

Mushrikootaaf osoo firummaan isaanii, hojiin isaanii fi tola ooltummaan isaanii waan fedhe ta'ee isaanif araarama kadhachuun haraama ta'uudha.

Abbootii fi jaarsolii soba/cubbuu keessatti hordofuun hojii warra jaahiliyyaa irraayi.

Gara karaa kheyritti namoota waamu fi qajeelloo isaanii irratti guutummaa mararfannaa Nabiyyiiti fi bolola isaan qabaniidha nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu.

Nama Abuu Xaalib islaamummaa qabateera jedhu irratti deebisuudha.

Hojiileen dhuma irratti ilaalamaniidha.

Faayidaa fiduuf ykn miidhaa ofirraa ittisuuf Nabiyyii fi-nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- waan birotti rarra'uun sirrii ta'uu dhabuudha.

Namni beekumsaa fi mirkaneeffannaan, akkasumas itti amanuudhaan "Rabbiin malee dhugaan gabbaramaan hin jiru" jedhe islaamummaa keessa seeneera.

Miidhaa waahellan hamoo fi hiriyyoonni badoon namaa irraan gahaniidha.

Hiikni "Rabbiin malee dhugaan gabbaramaan hin jiru” jechuudhaa: gabbartii taabotaa, waliyyootaa fi warra gaggaarii dhiisanii Rabbii guddaa tokkicha qofa gabbaruudha, mushrikoonni hiika isii ni beekan.

Islaamummaa qabachuun isaa kan kajeelamu yoo ta'e dhukkubsataa mushrikaa gaafachuun ni danda'amaadha.

Qajeelloon kheyrii nama waffaquudhaa harka Rabbii tokkicha shariika hin qabneeti jiraadha, wanni Rasuula irra jiru -nagaa fi rahmmanni isaan irratti haa jiraatu- qajeelloo karaa kheyrii nama agasiisutii fi ergaa geessuudha.

التصنيفات

tafsiira qur'aanaa, kara Rabbiitti yaamuu