إعدادات العرض
Tokkoon keessan obboleessa isaa yeroo qunname salaamtaa haa jedhuun, mukni, dhaabni ykn dhagaan gidduu isaaniitti haguuge lammata yoo isa qunname ammas salaamtaa isaan haa jedhu
Tokkoon keessan obboleessa isaa yeroo qunname salaamtaa haa jedhuun, mukni, dhaabni ykn dhagaan gidduu isaaniitti haguuge lammata yoo isa qunname ammas salaamtaa isaan haa jedhu
Abuu Hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu-Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhan: «Tokkoon keessan obboleessa isaa yeroo qunname salaamtaa haa jedhuun, mukni, dhaabni ykn dhagaan gidduu isaaniitti haguuge lammata yoo isa qunname ammas salaamtaa isaan haa jedhu».
الترجمة
العربية Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Türkçe اردو 中文 हिन्दी Tagalog Hausa Kurdî Kiswahili Português සිංහල Nederlands አማርኛ অসমীয়া Tiếng Việt پښتو ગુજરાતી ไทย Română മലയാളം नेपाली Malagasy Deutsch Кыргызчаالشرح
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- Muslimni tokko obboleessa isaa Muslimaa yeroo qunnamu hundatti salaamtaa akka isaan jedhu kakaasan, yoo isaan osoo waliin deemanii gidduu isaaniitti danqaan akka mukaa, ykn dhaabaa, ykn dhagaa guddaa isaan garagara baasee eegasii isa qunname deebi'ee akka salaamtaa isaan jedhu kakaasaniiru.فوائد الحديث
Salaamtaa waliin jechuu heddummeessuun fi jijjiirama haalaa hunda irratti irra deebi’uun salaamtaa waliin jechuun jaalatamaa ta'uudha.
Salaamtaa waliin jechuu heddummeessuu irratti bolola cimaa akka qabaniidha, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu; sababni isaas Muslimoota giddutti jaalalaa fi walitti dhiheenya fiduun isa keessa waan jiruuf jecha.
Salaamtaa jechuun inni jecha kana: (Assalaamu aleykum) jechuunis: nageenyi isin irratti haa jiraatu jechuudha, ykn (Assalaamu aleykum warahmatullaahi wabarakaatuh) jechuunis: nagaa, rahmanni Rabbii fi barakaan isaa isin irratti haa jiraatu jechuudha, kun yeroo dura walitti dhufan harka wal fuudhuu argamu maleedha.
Salaamtaan Du'aa'ii waan ta’eef, Muslimoonni irra deddeebi’anii yoo ta’ellee waliif du'aa'ii gochuutti haajamoodha.
التصنيفات
naamusa salaamtaafii hayyama seensaa