Namoonni himannaa isaaniitiin osoo kennameefii silaa namoonni (lafaa ka'anii) qabeenyaa fi dhiiga nama biroo irratti himannaa banu ture. garuu ragaa dhiheessuun nama himata bane irratti ta'e, kakaan immoo nama morme irratti ta'e

Namoonni himannaa isaaniitiin osoo kennameefii silaa namoonni (lafaa ka'anii) qabeenyaa fi dhiiga nama biroo irratti himannaa banu ture. garuu ragaa dhiheessuun nama himata bane irratti ta'e, kakaan immoo nama morme irratti ta'e

Ibnu Abbaas irraa akka odeffametti -Rabbi isaan lameenuu irraa haa jaallatu- ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Namoonni himannaa isaaniitiin osoo kennameefii silaa namoonni (lafaa ka'anii) qabeenyaa fi dhiiga nama biroo irratti himannaa banu ture. garuu ragaa dhiheessuun nama himata bane irratti ta'e, kakaan immoo nama morme irratti ta'e».

[sirrii]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namoonni ragaa fi akeektuu tokko malee himannuma isaanii qofaan osoo isaaniif kennamee silaa namoonni qabeenyaa fi dhiiga wolii irratti keenya jedhanii himata akka bananu himani, garuu nama himannaa bane irratti waan gaafatu irratti ragaa dhiheeffachuun dirqama, yoo ragaa hin qabaanne immoo himanni nama himanni irratti banameef dhiheeffama, yoo kan isa mormu ta'e kakaatu isa irra jira isaan qulqullaa'as.

فوائد الحديث

Aalimni guddaan ibnu daqiiq al-iid jedhamu akkas jedhe: Hadiisni kun bu'uura bu'uurowwan murtooti, yeroo wol dhabbii fi wol falmiitti wobii guddaadha.

Shari'aan qabeenyaa fi dhiiga namaatiin taphatamuu irraa eeguuf dhufe.

Abbaan murtii waan ofii beekuun murtessa osoo hin taane ragaa irratti hundaa'uuni.

Hndi nama himata ragaa hin qabne himatee himanni isaa kufaadha, haqaa fi wolitti dhufeenya irrattis ta'ee yookaan dhimma iimaanaatii fi beekumsaa irrattis yoo ta'es.

التصنيفات

himannaafii ragaalee