Ijoolleen keessan yeroo waggaa torba ta’an akka salaata jalqaban isaan ajajaa, yeroo waggaa kudhan guutan immoo (yoo didan) isaan reebaa,eddoo hirriibaa irrattis addaan isaan baasaa

Ijoolleen keessan yeroo waggaa torba ta’an akka salaata jalqaban isaan ajajaa, yeroo waggaa kudhan guutan immoo (yoo didan) isaan reebaa,eddoo hirriibaa irrattis addaan isaan baasaa

Amrii bin Shu'eyb abbaa isaa akaakayyuu isaa irraa oedeessee ni jedhan: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- akkana jedhan: "Ijoolleen keessan yeroo waggaa torba ta’an akka salaata jalqaban isaan ajajaa, yeroo waggaa kudhan guutan immoo (yoo didan) isaan reebaa,eddoo hirriibaa irrattis addaan isaan baasaa".

[sirrii] [tirmizii odeesse - abuu daawud odeesse]

الشرح

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- abbaan ijoollee isaa -dhiirotaa fi dubartoota- yeroo umuriin isaanii waggaa torba ta’e akka salaatan isaan ajajuu fi waan salaatuuf isaan barbaachisu barsiisuu akka qabu ibsaniiru. Umriin isaanii waggaa kudhan yoo ga’u ajajni ni dabala, salaataf dantaa dhabiinsi yoo isaan irraa muldhate isaan rukuta, bakka hirriibaa irrattis addaan isaan baasa. ​

فوائد الحديث

Ijoollee xixiqqoo osoo isaan hin ballaghne dhimma amantii isaan barsiisuudha, sana keessaa inni guddaan waa'ee salaatati.

Reebichi adabbiidhaaf malee miidhaaf miti, kanaafuu reebicha haala isaa (daa'imaa) wajjiin walsimu reebuudha qaba.

Shari’aan kabaja namaa eeguu fi daandii badiitti geessu hunda cufuuf xiyyeeffannoo kennuudha.

التصنيفات

dirqamummaa salaataatiifii murti nama isii dhiisee