Isin Gooftaa keessan akkuma ji'a kana argitaniitti arguuf teessan, Isa arguufis wal hin rakkiftan

Isin Gooftaa keessan akkuma ji'a kana argitaniitti arguuf teessan, Isa arguufis wal hin rakkiftan

Jariir bin Abdullaah irraa odeeffamee -Rabbi isa irraa haa jaalatu- ni jedhe: Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- bira turree, halkan tokko -isheen halkan kudha afraffaati- gara ji'aa ilaalanii, akkas jedhan: "Isin Gooftaa keessan akkuma ji'a kana argitaniitti arguuf teessan, Isa arguufis wal hin rakkiftan. Yoo salaata osoo aduun hin bahinii fi osoo hin lixinii irratti moo'atamuu dhabuu dandeessan, hojjadhaa, eegasii qara'an: "{Osoo aduun hin bahinii fi osoo aduun hin lixin Rabbii kee faarsuun wajjiin qulqulleessi}".

[sirrii] [Bukharif muslim irratti waliigalan]

الشرح

Sahaabonni halkan tokko Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waliin turan, isaan gara ji'aa - halkan kudha afraffaa- ilaalanii, akkana jedhan: Mu’umintoonni Rabbii isaanii arguu keessatti osoo waan biraatti hin fakkaatin, osoo ofii isaanitii wal hin rakkisin, osoo cinqii fi rakkoon tokko isaan hin mudatin arguuf taa'an. Eegasii Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: Sababoota salaata fajrii fi asrii irraa isin dhoorgan muruu yoo dandeessan hojjadhaa, isaan lameenuu guutuu haala ta'aniin yeroo isaanitittii fi jama'aa waliin salaataa, sun sababoota fuula Rabbii ol ta'ee ittiin ilaaltan keessaa isa tokkoodha. Eegasii Ergamaan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Aayaa tana qara'an:- {Osoo aduun hin bahinii fi osoo isheen hin lixin Rabbii kee faarsuun wajjiin qulqulleessi}.

فوائد الحديث

Rabbii ol ta'e jannata keessatti arguuf gammachuu warra iimaanati.

Maloota da'awaa keessaa: jajjabeessuu, hawwisiisuu fi fakkeenya kennuudha.

التصنيفات

jiruu aakhiraa.