Duuniyaan meeshaa itti fayyadamanu, irra caalaan meeshaa duuniyaa dubartii gaariidha

Duuniyaan meeshaa itti fayyadamanu, irra caalaan meeshaa duuniyaa dubartii gaariidha

Abdullaah ibnu amrii irraa akka odeeffametti -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- ni jedhe: ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Duuniyaan meeshaa itti fayyadamanu, irra caalaan meeshaa duuniyaa dubartii gaariidha».

[sirrii] [Muslimtu gabaase]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- duuniyaan waan isii keessa jiru woliin yeroo hanga ta'eef isiin meeshaa isatti qanani'anii eegasii immoo kan dhabamu akka taate fi irra caalaan meeshaa duuniyaadhaa dubartii gaarii, yeroo inni isii ilaale isa gammachiiftu, yeroo inni isii ajajetti kan isaan bultu, yeroo inni isii irraa fagaatetti lubbuu isiitii fi qabeenya isaas kan tiksituuf akka ta'e himani.

فوائد الحديث

Bazzaruu fi boonuun maletti gaggaarii duuniyaa Rabbiin gabroota isaatiif halaala godheen qanani'uun eeyyamamaa ta'uu isaati.

Haadha manaa gaarii filachuutti kakaasuutu keessa jira; Rabbii isaatiin buluu keessatti gargaarsa waan isaaf taatuuf jecha.

Irra caalaan meeshaa duuniyaa waan Rabbiin buluu keessatti ta'e yookaan isaan buluu irratti nama gargaaredha.

التصنيفات

seera dubartii