إعدادات العرض
Islaamummaa keessatti namni tolche waan jaahiliyyummaa keessatti hojjateen hin qabamu, islaamummaa keessatti namni balleesse immoo isa duraa fi isa boodaatiifis ni qabama
Islaamummaa keessatti namni tolche waan jaahiliyyummaa keessatti hojjateen hin qabamu, islaamummaa keessatti namni balleesse immoo isa duraa fi isa boodaatiifis ni qabama
Ibnu Mas'uud irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Namtichi tokko ni jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii, waan jaahiliyyaa (bara doofummaa ergamuu isaaniitiin duraa) keessatti hojjanneen ni qabamnaa?, isaanis ni jedhan: " Islaamummaa keessatti namni tolche waan jaahiliyyummaa keessatti hojjateen hin qabamu, islaamummaa keessatti namni balleesse immoo isa duraa fi isa boodaatiifis ni qabama".
الترجمة
العربية Kurdî English Kiswahili Español اردو Português বাংলা Bahasa Indonesia فارسی தமிழ் हिन्दी සිංහල Tiếng Việt മലയാളം Русский မြန်မာ ไทย پښتو অসমীয়া Shqip Svenska Čeština ગુજરાતી አማርኛ Yorùbá Nederlands ئۇيغۇرچە Türkçe Bosanski Hausa తెలుగు دری Ελληνικά Azərbaycan Български Fulfulde Italiano ಕನ್ನಡ Кыргызча Lietuvių Malagasy or Română Kinyarwanda Српски тоҷикӣ O‘zbek नेपाली Moore Wolof Tagalog Soomaali Français Українська bm Deutsch ქართული Македонски Magyar Lingala 中文الشرح
Nabiyyiin -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- sadarkaa islaamummaatti seenuun qabu ibsani, Dhugumatti namni qulqulluu fi nama dhugaa ta'ee islaamummaan isaa tole; badii irraa waan jaahiliyyaa keessatti (islaamummaatti osoo hin dhufiniin duratti) hojjateef hin herregamu, Namni islaamummaa keessatti balleesse munaafiqa ta'uun yookaan amantaa isaa irraa deebi'uun, waan kufrii fi islaamummaa keessatti hojjateef herregama.فوائد الحديث
Hojiiwwan jibbamaa jaahiliyyaa keessatti isaan irraa argameef Xiyyeeffannoo kennuu sahaabotaa fi sodaa isaaniiti -jaalalli Rabbiin isaan irra haa jiraatu-.
Islaamummaa irratti gadi dhaabbachuutti kakaasuudha.
Sadarkaa islaamummaatti seenuun qabuudha, inni dhugumatti hojiiwwan darban ni haqa.
Namni islaamummaa irraa garagalee fi munaafiqni, hunda hojii isaa jaahiliyyimmaa keessatti darbeef ni herregama, akkasumas hunda badii islaamummaa keessatti hojjateefis.