إعدادات العرض
inni guyyuma tokkollee yaa Rabbii koo guyyaa mindaa sanatti badiiwwan koo naaf dhiisi hin jenne
inni guyyuma tokkollee yaa Rabbii koo guyyaa mindaa sanatti badiiwwan koo naaf dhiisi hin jenne
Aa'ishaa irraa odeeffamee -Rabbiin isii irraa haa jaallatu- ni jette: Yaa Ergamaa Rabbiin jedhe: Ibnu juda'aan jaahiliyyummaa keessatti kan firooma fufuu (maxxanfatuu) fi rakkataa nyaachisu ta'e, wanti sun isa ni fayyadaa?, isaanis ni jedhan: "isa hin fayyadu, inni guyyuma tokkollee yaa Rabbii koo guyyaa mindaa sanatti badiiwwan koo naaf dhiisi hin jenne".
الترجمة
العربية English မြန်မာ Svenska Čeština ગુજરાતી አማርኛ Yorùbá Nederlands اردو Español Bahasa Indonesia ئۇيغۇرچە বাংলা Türkçe Bosanski සිංහල हिन्दी Tiếng Việt Kurdî Hausa മലയാളം తెలుగు Kiswahili ไทย پښتو অসমীয়া Shqip دری Ελληνικά Български Fulfulde Italiano ಕನ್ನಡ Кыргызча Lietuvių Malagasy or Română Kinyarwanda Српски тоҷикӣ O‘zbek नेपाली Moore Wolof Soomaali Tagalog Français Azərbaycan Українська bm தமிழ் Deutsch ქართული Português Македонски Magyar فارسی Русский 中文الشرح
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Abdullaah ibnu jud'aan kan islaamummaan duratti dureewwan qurayshii irraa ture irraa dubbatan, Hojiiwwan isaa gaggaarii keessaa: firoottan isaa fufuun tolas isaanitti oola, rakkataas ni nyaachisa, wontoota gaggaarii islaamummaan isii hojjachuutti kakaase biroos ni hojjata ture, garuu hojiiwwan isaa kun Aakhiraatti isa hin fayyaddu; sunis sababaa inni Rabbitti kafaree fi guyyaa tokkollee yaa Rabbii koo guyyaa mindaa sanatti badiiwwan koo naaf dhiisi hin jedhiniif jecha.فوائد الحديث
Sadarkaa iimaanni qabuu fi inni hojiiwwan qeebalamuuf ulaagaa akka ta'e ibsuutu keessa jira.
Ajummaa kufrii fi inni wantoota hojiiwwan gaggaarii balleessan keessaa tokko akka ta'e ibsuutu keessa jira.
Aakhiraatti kaafiroota hojiiwwan isaanii isaan hin fayyaddu sababaa isaan Rabbii fi guyyaa Aakhiraatti hin amaniniif jecha.
Hojiiwwan namoonni yeroo kufrii irra jiran hojjatan yeroo islaamummaa fudhatanitti isaaniif barreeffamtee isii irrattis mindaa argatu.