Shayxaanni tokkoo keessanitti dhufuun akkas jedha: kana eenyutu uume? kanas enyutu uume? hanga Rabbii kee eenyutu uume? jedhutti itti fufa, yeroo bakka gaaffii kanaa ga'etti Rabbitti maganfatee waan sana irraa haa dhaabbatu

Shayxaanni tokkoo keessanitti dhufuun akkas jedha: kana eenyutu uume? kanas enyutu uume? hanga Rabbii kee eenyutu uume? jedhutti itti fufa, yeroo bakka gaaffii kanaa ga'etti Rabbitti maganfatee waan sana irraa haa dhaabbatu

Abuu Hurayraaa irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: "Shayxaanni tokkoo keessanitti dhufuun akkas jedha: kana eenyutu uume? kanas enyutu uume? hanga Rabbii kee eenyutu uume? jedhutti itti fufa, yeroo bakka gaaffii kanaa ga'etti Rabbitti maganfatee waan sana irraa haa dhaabbatu".

[sirrii] [Bukharif muslim irratti waliigalan]

الشرح

Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaaffiiwwan shayxaanni ittiin mu'umina waswaasuuf dawaa bu'aa qabeessa himani, Shayxaanni ni jedha: kana eenyutu uume? kanas eenyutu uume? samii eenyutu uume? dachii eenyutu uume? Mu'uminni amantii, uumamaa fi sammuun akkana jechuun isaaf deebisa: Allaahaadha, Garuu shayxaanni waswasaa irraa hanga kanatti hin dhaabbatu, hanga eenyutu Rabbii kee uume jedhutti tarkaanfata?. Mu'uminni yeroo sanitti waswasaa kana wantoota sadiin deebisa: Rabbitti amanuudhaan. Shayxaana irraa Rabbitti maganfachuun. Waswasaa faana deemuu irraa dhaabbachuun.

فوائد الحديث

Waswasaa shayxaanaa fi waan inni qalbii irra fidu irraa garagaluuu fi waan isaa yaaduu dhiisuudha, akkasumas waswasaa sana deemsisuuf gara Rabbii ol ta'etti deebi'uudha.

Waswasaa shari'aa faallessitu irraa hundi waan qalbii namaa keessatti argamuu inni shayxaana irraati.

Zaata Rabbiitiin wal qabatee xiinxaluu irraa dhoorguu fi uumamtoota Isaatii fi mallattoowwan Isaa xiinxaluutti kakaasuutu keessa jira.

التصنيفات

Rabbii oltahetti amanuu, islaama, faaydaalee zikrii Rabbii