إعدادات العرض
“Namni itti yaadee ana irraati sobe ibidda keessatti teessoo isaa haa qopheeffatuu”
“Namni itti yaadee ana irraati sobe ibidda keessatti teessoo isaa haa qopheeffatuu”
Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa laallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhan: “Namni itti yaadee ana irraati sobe ibidda keessatti teessoo isaa haa qopheeffatuu”.
الترجمة
العربية English မြန်မာ Svenska Čeština ગુજરાતી አማርኛ Yorùbá اردو Bahasa Indonesia ئۇيغۇرچە සිංහල हिन्दी Hausa Kiswahili ไทย پښتو অসমীয়া دری Кыргызча or Türkçe Tiếng Việt नेपाली Malagasy Kinyarwanda తెలుగు Bosanski Lietuvių Română മലയാളം Nederlands Soomaali Српски Kurdî Українська Deutsch ಕನ್ನಡ Wolof Moore Shqip Português ქართული Azərbaycan 中文 Magyar فارسیالشرح
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni itti yaadee isaan irratti jecha ykn gocha tokko isaanitti hirkisuun sobe/kijibe soba sanaaf jecha mindaa isaa haala ta'een isaaf teessootu ibidda keessatti jiraaf jechuudha ibsan.فوائد الحديث
Nabiyyii irratti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- itti yaadanii beekkan sobuun ibidda jahannam seenuuf sababa namatti ta'aadha.
Nabiyyii irratti sobuun -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akka namoota biroo irratti sobuutii miti, sababni isaas nabiyyii irratti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sobuun amantii fi addunyaa keessatti badii gurguddoo waan of keessaa qabuuf jecha.
Osoo hubatanii gara Nabiyyitti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hirkifamuun ishee sirriidha moo sirrii mitii hin mirkaneeffatin Hadiisa facaasuu irraa akeekachiisuudha.