Muslima jechuun nama arrabaa fi harka isaa irraa Muslimoonni nagaa ta’aniidha, godaanaa jechuun immoo nama wanta Rabbiin dhoorge dhiiseedha

Muslima jechuun nama arrabaa fi harka isaa irraa Muslimoonni nagaa ta’aniidha, godaanaa jechuun immoo nama wanta Rabbiin dhoorge dhiiseedha

Abdullaah bin Amrii irraa odeeffame, Rabbiin isaan irraa haa jaalatu, Nabiyyiin nagaa fi rahamnni irra haa jiraatuu akkana jedhan: "Muslima jechuun nama arrabaa fi harka isaa irraa Muslimoonni nagaa ta’aniidha, godaanaa jechuun immoo nama wanta Rabbiin dhoorge dhiiseedha".

[Sahih/Authentic.] [Al-Bukhari and Muslim]

الشرح

Nabiyyiin nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu, Muslimni Islaamummaa guutuu qabu nama arraba isaa irraa muslimoonni nagaa ta’ani jechuudha himani, kana jechuun isaan hin arrabsu, hin abaarusi, hin hamatuus, arraba isaatiin miidhaa gosa kamiinuu isaanitti hin dhaqqabsiisu jechuudha. Akkasumas Harka isaa irraa kan nagaa bahani jechuu himani, kana jechuun isaanitti daangaa hin darbu, horii isaanitiis haqaan malee hin fudhatuu fi kkf jechuudha. Akkasumas Godaanaa jechuun nama waan Rabbiin haraama taasise dhiise jechuu himani.

فوائد الحديث

Guutumminni Islaamummaa qaamaanis ta’ee naamusaan namoota biroo irratti miidhaa geessisuu dhiisun malee hin argamu.

Wanni Arrabaa fi harka addatti dubbateef; waan dogongoraa fi badiin isaanii heddummaatuuf jecha, irra guddaan badiiwwanii isaan lamaan irraa argama.

Badiiwwan dhiisanii waan Rabbiin ol ta'e itti ajaje qabachuu irratti kakaasuudha.

Caalaan muslimootaa nama haqa Rabbiiti fi haqa muslimootaa eeggateedha.

Namatti daangaa dabruun jechaa fi gochaan ta’uu danda’a.

Godaansi guutuun waan Rabbiin haraama taasise dhiisuudha.