Namni qajeellumaatti nama waame mindaa akka mindaa warra isa duuka bu’eeti argata, sun mindaa isaanii irraa homaa hin hirdhisu

Namni qajeellumaatti nama waame mindaa akka mindaa warra isa duuka bu’eeti argata, sun mindaa isaanii irraa homaa hin hirdhisu

Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhan: "Namni qajeellumaatti nama waame mindaa akka mindaa warra isa duuka bu’eeti argata, sun mindaa isaanii irraa homaa hin hirdhisu, namni karaa jal'inaatti nama waame immoo dilii irraa fakkaataa diliiwwan warra isa duuka bu'aniitu isa irratti ta'a, sun diliiwwan isaanii irraa homaa hin hirdhisu".

[Sahih/Authentic.] [Muslim]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- nama jechaan yookaan gochaan karaa dhugaa fi gaarummaan isa keessa jirutti namoota waamee kakaase mindaan akka mindaa warra isa duuka bu'anii osoo sun mindaa isaanii irraa homaa hin hirdhisne akka isaaf ta'u ibsan. Namni jechaan yookaan gochaan karaa sobaa fi hamaa dilii fi cubbuu of keessa qabutti nama waame immoo sun diliiwwan isaanii irraa osoo homaa hin hirdhisne faakkaataan dilii namoota isa hordofanii isa irratti ta'a.

فوائد الحديث

Xiqqaatuu guddatuu karaa qajeellumatti nama waamuun sadarkaa inni qabuu fi waamaan fakkaataa mindaa nama hojjatee akka qabuudha, sun guddina tola Rabbiiti fi guutummina arjummaa Isaa irraayi.

Xiqqaas ta'ee guddaa karaa jal’inaatti nama waamuun rakkoo guddaa akka qabuu fi nama jal'inatti nama waamu irratti fakkaataan dilii nama dilii hojjatee akka jiruudha.

Mindaan faakkaatuma hojiiti, kanaafuu nama gara kheyritti nama waamu fakkaataa mindaa nama kheyrii sana hojjateetu isaaf ta'a, nama gara baditti nama waamu immoo fakkaataa dilii nama dilii sana hojjateetu isa irratti ta'a.

Namni Muslimaa tokko sababaa inni osoo namoonni isa arganii ifaan ifatti dilii raawwachuutiin akka namoonni badii keessatti fakkeenya isa hin godhanne of eeggannoo gochuudha qaba, inni osoo sana irratti nama kakaasullee baatee sababaa nama isa hordofeetiin yakkamaadha ta'a.