Namni nama rakkataa yeroo kenneef, yookaan isaaf irraa gadi buuseef, guyyaa gaaddisa Isaa malee gaaddisni hin jirre guyyaa qiyaamaatti Rabbiin gaaddisa Arshii Isaa jaalatti isaaf gaaddiddeessa

Namni nama rakkataa yeroo kenneef, yookaan isaaf irraa gadi buuseef, guyyaa gaaddisa Isaa malee gaaddisni hin jirre guyyaa qiyaamaatti Rabbiin gaaddisa Arshii Isaa jaalatti isaaf gaaddiddeessa

Abuu Hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: "Namni nama rakkataa yeroo kenneef, yookaan isaaf irraa gadi buuseef, guyyaa gaaddisa Isaa malee gaaddisni hin jirre guyyaa qiyaamaatti Rabbiin gaaddisa Arshii Isaa jaalatti isaaf gaaddiddeessa".

[Sahih/Authentic.] [At-Tirmidhi]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageeya isaan irratti haa buusu- dhugumatti namni nama rakkataa waa liqeeffatee yeroo kennee fii isa eeggate yookaan liqaa isaa sana irraa isaaf waa buuse, mindaan isaa: guyyaa qiyaamaa gaafa aduun mataa gabrootaatti dhihaattee gubaan isaanitti jabaattutti dhugumatti Rabbiin gaaddisa Arshii Isaa jalatti isaaf gaaddiddeessa, Nama Rabbiin isaaf gaaddiddeesse malee namni tokkooyyuu gaaddisa argachuu hin danda'u.

فوائد الحديث

Sadarkaa gabroottan Rabbii ol ta'eetti laaffisuun qabuudha, dhugumatti inni sababoowwan rakkoo guyyaa qiyaamaa jalaa najaa nama baasan irraayi.

Mindaan fakkaataadhuma hojiiti.