إعدادات العرض
Namni nama rakkataa yeroo kenneef, yookaan isaaf irraa gadi buuseef, guyyaa gaaddisa Isaa malee gaaddisni hin jirre guyyaa qiyaamaatti Rabbiin gaaddisa Arshii Isaa jaalatti isaaf gaaddiddeessa
Namni nama rakkataa yeroo kenneef, yookaan isaaf irraa gadi buuseef, guyyaa gaaddisa Isaa malee gaaddisni hin jirre guyyaa qiyaamaatti Rabbiin gaaddisa Arshii Isaa jaalatti isaaf gaaddiddeessa
Abuu Hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan: "Namni nama rakkataa yeroo kenneef, yookaan isaaf irraa gadi buuseef, guyyaa gaaddisa Isaa malee gaaddisni hin jirre guyyaa qiyaamaatti Rabbiin gaaddisa Arshii Isaa jaalatti isaaf gaaddiddeessa".
[sirrii] [tirmiziifii ahmad odeessan]
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी Kurdî Hausa Português മലയാളം తెలుగు Kiswahili தமிழ் မြန်မာ Deutsch 日本語 پښتو Tiếng Việt অসমীয়া Shqip Svenska Čeština ગુજરાતી አማርኛ Yorùbá Nederlands ئۇيغۇرچە සිංහල ไทย دری Fulfulde Magyar Italiano ಕನ್ನಡ Кыргызча Lietuvių Malagasy or Română Kinyarwanda Српски тоҷикӣ O‘zbek Moore नेपाली Wolof Soomaali Български Українська Azərbaycan bm ქართული Македонскиالشرح
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageeya isaan irratti haa buusu- dhugumatti namni nama rakkataa waa liqeeffatee yeroo kennee fii isa eeggate yookaan liqaa isaa sana irraa isaaf waa buuse, mindaan isaa: guyyaa qiyaamaa gaafa aduun mataa gabrootaatti dhihaattee gubaan isaanitti jabaattutti dhugumatti Rabbiin gaaddisa Arshii Isaa jalatti isaaf gaaddiddeessa, Nama Rabbiin isaaf gaaddiddeesse malee namni tokkooyyuu gaaddisa argachuu hin danda'u.فوائد الحديث
Sadarkaa gabroottan Rabbii ol ta'eetti laaffisuun qabuudha, dhugumatti inni sababoowwan rakkoo guyyaa qiyaamaa jalaa najaa nama baasan irraayi.
Mindaan fakkaataadhuma hojiiti.
التصنيفات
jiruu aakhiraa.