Tokkoon keessan osoo fincaa'aa jiruu qaama saalaa isaa harka mirgaatiin hin qabatin, harka isaa mirgaatiin qaama saalaa isaa hin haxaa’in, meeshaa dhugaatii keessattis hafuura hin baafatin

Tokkoon keessan osoo fincaa'aa jiruu qaama saalaa isaa harka mirgaatiin hin qabatin, harka isaa mirgaatiin qaama saalaa isaa hin haxaa’in, meeshaa dhugaatii keessattis hafuura hin baafatin

Abuu Qatadaa irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaallatu akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan. «Tokkoon keessan osoo fincaa'aa jiruu qaama saalaa isaa harka mirgaatiin hin qabatin, harka isaa mirgaatiin qaama saalaa isaa hin haxaa’in, meeshaa dhugaatii keessattis hafuura hin baafatin».

[sirrii] [Bukharif muslim irratti waliigalan]

الشرح

Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- naamusaalee tokko tokko ibsaniiru, innis dhiirri qaama saalaa isaa harka mirgaatiin osoo fincaa'uu qabachuu fi wanni najisa ta'e qaama saalaa kan fuul duraa ta'ee ykn hudduu irraa harka mirgaatin deemsifamuu dhoorguu isaanitiini; Sababni isaas harki mirgaa wantoota gaggaarii ta'aniif kan qophaa’e waan ta’eef jecha. Akkuma ilmi namaa meeshaa itti dhugu keessatti hafuura baafachuu dhoorganitti.

فوائد الحديث

Naamusaalee fi qulqullina keessatti Islaamummaan dursa akka qabu ibsuudha.

Wantoota najisa ta'an irraa fagaachuudha, Yoo qabachuun dirqama ta'e harka bitaatti fayyadamuun dirqama ta'a.

Kabajaa fi sadarkaa harki mirgaa harka bitaa irra qabu ibsuudha.

Guutummaa seera Islaamaa fi bal’ina barsiisa isaati.

التصنيفات

naamusa nyaataafii dhugaatii, naamusa mana fincaanii