Fakkeenyi hiriyyaa gaarii fi hiriyyaa hamaa akka nama miskii baatee fi nama beeloo afuufuudha.

Fakkeenyi hiriyyaa gaarii fi hiriyyaa hamaa akka nama miskii baatee fi nama beeloo afuufuudha.

Abuu Muusaa irraa odeeffamee Rabbiin irraa haa jaallatu, Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- akkana jedhan: «Fakkeenyi hiriyyaa gaarii fi hiriyyaa hamaa akka nama miskii baatee fi nama beeloo afuufuudha. Miskii namni baatu: Yookaan kennaa siif laata, yookaan immoo isa irraa bitatta, yookaan immoo urgaa namatti tolu isa irraa urgeeffatta. Namni beeloo afuufu ammoo: Uffata sirraa guba ykn ammoo hafuura badaa irraa argita».

[sirrii] [Bukharif muslim irratti waliigalan]

الشرح

Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- namoota irraa gosa lamaaf fakkeenya kaa'an: Gosti jalqabaa: Hiriyyaa fi jaalallee gaarii kan waa'ee Rabbii fi waan Inni jaalatu nama agarsiisuu, kan Rabbiif ajajamuu irratti gargaaruudha. Inni akka nama miskii gurguruuti Yookaan siif kenna, yookaan immoo isa irraa bitatta, yookaan immoo urgooftuu namatti tolu isa irraa argattee deemta. Gosti lammaffaa: Hiriyyaa fi jaalallee hamaa karaa Rabbii irraa nama gufachiisu, cubbuu hojjechuuf kan nama gargaaruu fi nama gocha fokkisaa irraa argitu, kan nama akka isaa waliin taa'uu fi itti hiriyoomuu keetin balaaleffamtuudha. Inni akka nama sibiila tumuuf ibiddaa afuufuti; Yookaan uffata kee qaanqee balali'uun guba, yookaan immoo isaatti dhihaachuu irraa afuura ajaayu argita.

فوائد الحديث

Hiika isaa dhaggeeffataaf dhiheessuuf jecha fakkeenya fayyadamuun ni hayyamamaadha.

Namoota Rabbiif ajajamanii fi qajeeluma qaban waliin taa'uu irratti kakaasuu fi namoota badii fi warra safuu hin qabne irraa fagaachuu irratti kakaasuudha.

التصنيفات

haala gaggaarotaa, hammeenya dilii