إعدادات العرض
Namichi tokko eddoo Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- jiranitti bitaa isaatiin nyaatee jennaan Nabiyyiin akkana jedhaniin: "Harka Mirga keetin nyaadhu", innis akkana jedhe: hin danda'u, isaanis ni jedhan: "hin danda'in
Namichi tokko eddoo Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- jiranitti bitaa isaatiin nyaatee jennaan Nabiyyiin akkana jedhaniin: "Harka Mirga keetin nyaadhu", innis akkana jedhe: hin danda'u, isaanis ni jedhan: "hin danda'in
Salamaa bin Al-Akwa’i irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu-: Namichi tokko eddoo Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- jiranitti bitaa isaatiin nyaatee jennaan Nabiyyiin akkana jedhaniin: "Harka Mirga keetin nyaadhu", innis akkana jedhe: hin danda'u, isaanis ni jedhan: "hin danda'in", Nama kana boona malee wanti biraa hin dhoorgine, ni jedhe: sana booda harka isaa sana gara afaan isatti ol hin fuune.
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी Hausa Kurdî Kiswahili Português සිංහල Svenska Čeština ગુજરાતી አማርኛ Yorùbá ئۇيغۇرچە ไทย پښتو অসমীয়া دری Кыргызча or Tiếng Việt नेपाली Malagasy Kinyarwanda తెలుగు Lietuvių Română മലയാളം Nederlands Soomaali Српски Українська Deutsch ಕನ್ನಡ Wolof Moore Shqip ქართული Azərbaycan Magyarالشرح
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namicha tokko kan harka isaa kan bitaatiin nyaatu arganii, harka isaa kan mirgaatiin akka nyaatu ajajan, Namichis of tuulummaa fi sobaaf jecha hin danda'u jedhee isaanif deebii kenne! Nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- harka mirgaatiin nyaachuu irraa akka hoongeffamu isa irratti du'aa'ii godhan. Rabbiin kadhaa Nabiyyii Isaa kan akka harki isaa kan mirgaa laamshoftu kadhatan isaanif qeebalee, namichi sun sana booda nyaataan yookaan dhugaatiin harka isaa sana gara afaan isatti ol hin fuune.فوائد الحديث
Harka mirgaatiin nyaachuun dirqama ta'uu fi harka bitaatiin nyaachuun dhorgaa ta'uudha.
Murtii Shari'aa boonaf jecha hojii irra oolchuu dhabuun abbaa gocha sanaa adabbiif saaxila.
Rabbiin Nabiyyii Isaa Muhaammad -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- kadhaa isaanii isaanif qeebaluun hangam akka isaan kabaje nama agarsiisa.
Hanga yeroo nyaataa gayutti haala hunda keessatti waan gaariitti ajajuu fi waan hamaa irraa dhoorguun karaa ta'uudha.
التصنيفات
naamusa nyaataafii dhugaatii