إعدادات العرض
Namni worra karaa Rabbii keessatti duulan qopheesse dhugaan duulee jira, namni worra karaa Rabbii keessatti duulu khayriin bakka bu'e dhugaan duulee jira
Namni worra karaa Rabbii keessatti duulan qopheesse dhugaan duulee jira, namni worra karaa Rabbii keessatti duulu khayriin bakka bu'e dhugaan duulee jira
Zayd ibnu khaalid irraa akka odeeffameetti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Namni worra karaa Rabbii keessatti duulan qopheesse dhugaan duulee jira, namni worra karaa Rabbii keessatti duulu khayriin bakka bu'e dhugaan duulee jira».
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी ئۇيغۇرچە Hausa Kurdî Kiswahili Português සිංහල অসমীয়া Tiếng Việt ગુજરાતી Nederlands پښتو नेपाली മലയാളം Svenska Кыргызча Română ಕನ್ನಡ Српски తెలుగు ქართული Moore Magyar Kinyarwanda Македонски Čeština Українська Lietuvių Wolof Azərbaycan Malagasy ไทย मराठी ਪੰਜਾਬੀ دری አማርኛ Deutsch ភាសាខ្មែរالشرح
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni worra karaa Rabbii keessatti duula godhuuf sababoowwan imala isaatii fi meeshaa woraanaa, geejjiba, nyaata, baasii fi kan biroo irraa waan inni itti haa jomu qopheesseef; inni akka nama duuleeti, mindaan duultotaas isaaf argama jechuu himani. Akkasumas namni dhimma nama duulee toltuun itti gaafatamummaa fudhatee, yeroo inni qe'ee irraa fagaatutti maatii isaa eeguu keessatti bakka isa irraa bu'e inni akkuma nama duuleetti lakkaawama jechuu himani.فوائد الحديث
Toltuu irratti wol gargaaruu keessatti muslimtoota kakaasuutu keessa jira.
Aalimni guddaan ibnu hajar akkas jedhe: Hadiisa kana keessa nama muslimootaaf toltuu hojjate yookaan nama dhimma tokko kan dhimmoota isaanii irraa ta'een dhaabbateef tola ooluutti kakaasuutu jira.
Foormulaan wolii galaa: namni karaa Rabbii keessatti nama gargaare mindaa akka nama gargaare sanaatu isaaf jira, mindaa nama gargaaramee sana irraa homaa osoo hin hir'ifamin.