إعدادات العرض
Namni yaabbate nama miilan lafa deemuun salaamataa jechuudha qaba, namni lafa deemu immoo nama taa’uun salaamataa jechuudha qaba, namoonni muraasnis namoota baay'een salaamataa jechuudha qaban
Namni yaabbate nama miilan lafa deemuun salaamataa jechuudha qaba, namni lafa deemu immoo nama taa’uun salaamataa jechuudha qaba, namoonni muraasnis namoota baay'een salaamataa jechuudha qaban
Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmatni isaan irratti haa jiraatu- akkana jedhan. "Namni yaabbate nama miilan lafa deemuun salaamataa jechuudha qaba, namni lafa deemu immoo nama taa’uun salaamataa jechuudha qaba, namoonni muraasnis namoota baay'een salaamataa jechuudha qaban".
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी Tiếng Việt සිංහල ئۇيغۇرچە Hausa Kurdî Kiswahili Português Svenska ગુજરાતી አማርኛ Yorùbá پښتو অসমীয়া دری Кыргызча or Malagasy नेपाली Čeština Română Nederlands Soomaali తెలుగు മലയാളം ไทย Српски Kinyarwanda ಕನ್ನಡ Lietuvių Shqip Wolof Українська ქართული Moore Magyarالشرح
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irratti haa jiraatuu- namoota gidduutti naamusa salaamataa waliin jechuu irratti qajeelfama kennan "Assalaamu aleykum warahmatullaahi wabarakaatuh", Ijoolleen nama guddaan salaamataa jechuudha qaba, namni yaabbate immoo nama miilan deemu irratti salaammachuudha qaba, namni miilan deemu nama taa'aa jiru irratti salaammachuudha qaba, namoonni lakkoofsi isaanii xiqqaa ta'ees namoota lakkoofsi isaanii hedduu ta'e irratti salaammachuudha qaba.فوائد الحديث
Akkaataa hadiisicha keessatti dhufetti salaamataa waliin jechuun jaallatamaa ta'uudha, miilan namni deemu nama yaabbateen salaamataa yoo jedhe, akkasumas akkaataa hadiisicha keessatti dubbate irraa faallaatti salaamataa waliin jechuun yoo argame ni danda'ama, garuu inni caalaa fi filatamaa miti.
Akkaataa hadiisicha keessatti tuqameen salaamataa facaasuun wantoota wal jaallachuu fi walitta dhiheenyaf sababaa ta'an irraayi.
Wantoota dubbatan keessatti yoo wal qixa ta'an, irra caalan isaanii nama salaamataan dura eegaleedha.
Wantoota namoonni barbaadan hunda keessatti shari'aan islaamaa guutuu ta'uudha.
Naamusa salaamataa waliin jechuu barsiisuu fi abbaa haqaa hundaaf haqa isaa kennuudha.
التصنيفات
naamusa salaamtaafii hayyama seensaa