Humna ilma namaa guutuu irraa sadaqaatu jira

Humna ilma namaa guutuu irraa sadaqaatu jira

Abuu Hureyraa irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaallatu akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- akkana jedhan. «Humna ilma namaa guutuu irraa sadaqaatu jira, guyyaa aduun baatu hundatti nama lama walitti araarsuun sadaqaadha, nama tokko yaabbii isaa akka yaabbatu ykn meeshaa isaa akka irratti fe'atu gargaaruun sadaqaadha, jechi gaariin sadaqaadha, tarkaanfiin inni gara salaatatti godhu hundi sadaqaadha, wantoota miidhaa geessisan karaa irraa deemsisuun sadaqaadha».

[sirrii] [Bukharif muslim irratti waliigalan]

الشرح

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- Muslima dirqama qabu hunda irratti guyyaa guyyaan Lakkoofsa humna lafee isaatin sadaqaan sunnaa akka jiruu fi sadaqaan kunis Rabbiin ol tahe fayyaa waan isaaf kenneef galata akka galchuuf jecha akka tahe ibsan. lafeen isaa humna humna qabaachuun qabuu fi diriirsuu irratti isa gargaara. Sadaqaa kun hojii gaarii hundaan kan raawwatamu yoo ta'u malee maallaqa kennuu irratti kan dhaabbanne ta'uu ibsaniiru, kanneen keessaa: Nama lama kan wal dhaban walitti araarsuun sadaqaa dha. Nama dadhabaa yaabbii isaa akka yaabbatu ykn meeshaa isaa akka irratti fe'atu gaargaaruun kee sadaqaadha. Jechi gaariin kan akka zikrii, du'aa'ii, salaamtaa namaan jechuu kan biroos sadaqaadha. Tarkaanfiin ati gara salaatatti gootu hundi sadaqa dha. Waan miidhaa geessisu karaa irraa deemsisuun sadaqaa dha.

فوائد الحديث

Akkaataan lafeen ilma namaa walitti itti qabamee fi nagaa tahuun isaa nageenyi isaa qananiiwwan gurguddoo Rabbiin ol tahe namaaf kenne keessaa isa tokkoodha, qananii kana irratti galateeffachuuf tokkoo tokkoon lafee kana hunda irraa sadaqaa baasuun barbaachisaadha.

Itti fufiinsa qananii kanaatiif guyyaa guyyaan galata akka haaromsinu jajjabeessuu fi hawwisiisuudha.

Guyyaa guyyaan itti fufinsaan sunnoowwanii fi sadaqaalee hojjechuu irratti kakaasuudha.

Namoota wal lolan jiddutti araara buusuun sadarkaa qabaachuudha.

Namni tokko obboleessa isaa akka gargaaru kakaasuudha; sababni isaas inni isa gargaaruun sadaqaa waan taheef jecha.

Namoonni jama’aa irratti akka argamanii fi miilaan gara sanitti akka deeman kakaasuudha, akkasumas masjiidota sanaan akka jiraachisan kakaasuudha.

Waan isaan rakkisu ykn miidhu kamiyyuu irraa fagaachuun karaa muslimootaa kabajuun dirqama ta'uudha.

التصنيفات

darkaa islaamaatiifii tolinna isaa