إعدادات العرض
Yaa Rabbi, liqaan moo’amuu , diinaan moo’amuu fi diinni namatti gammaduu irraa sitti maganfadha
Yaa Rabbi, liqaan moo’amuu , diinaan moo’amuu fi diinni namatti gammaduu irraa sitti maganfadha
Abdullaah bin Amrii bin Al-Aas irraa odeeffamee -Rabbi isaan lamaan irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- jechoota kanneenin kadhataa turan: «Yaa Rabbi, liqaan moo’amuu , diinaan moo’amuu fi diinni namatti gammaduu irraa sitti maganfadha».
الترجمة
العربية বাংলা Bosanski English Español فارسی Français Bahasa Indonesia Русский Tagalog Türkçe اردو 中文 हिन्दी Tiếng Việt Hausa Kurdî Português සිංහල Nederlands অসমীয়া Kiswahili ગુજરાતી پښتو አማርኛ ไทย Română മലയാളം Deutsch नेपालीالشرح
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- wantoota armaan gadii irraa maganfatan: Tokkoffaa: (Yaa Rabbi, ani sitti maganfadha) kooluu barbaada, (sitti) si malee kan biraatin hin maganfadhu (liqaan moo’amuu) cunqursaa, yaaddoo fi dhiphina isaa irraa, akkasumas liqaa kana kaffaluuf akka na gargaartu si gaafadha. Lammaffaa: (diinaan moo’amuu) cunqursaa fi ol’aantummaa garsiisuu isaa irraa, miidhaa isaa akka narraa qabdee, akkan isa moo'adhu na taasistu si kadhadha. Sadaffaa: (Diinni namatti gammaduu) balaa fi rakkoo Muslimtoota mudatutti gammaduu isaanii irraa sitti maganfadha.فوائد الحديث
Waan Rabbii ajajamuu irraa yaada namaa hihhiruu fi yaaddoo fidu kan akka liqaa fi kan biroo hunda irraa maganfachuu irratti kakaasuudha.
Liqaa fudhatuun rakkoo hin qabu, garuu rakkoon nama liqaa hin deebisne bira jira, isa kana liqaa nama moo'atu jechuun.
Namni tokko wantoota namni itti gammaduu fi qeeqamu irraa fagaachuu qaba.
Diinummaa kaafiroonni mu'umintootaf qabanii fi yeroo balaan isaan mudatu isaanitti gammaduu isaanii ibsuudha.
Diinonni balaa namatti dhufutti gammachuu mul'isuu isaanitu balaa nama mudatu irra namatti ulfaata.
التصنيفات
du'aa'ii nabii s.a.w.