Isin hunduu tikseedha, waan tiksu irraa gaafatamaasi,

Isin hunduu tikseedha, waan tiksu irraa gaafatamaasi,

Abdullah bin Umar irraa odeeffamee -Rabbi isaan lamaan irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu- akkana jedhan: "Isin hunduu tikseedha, waan tiksu irraa gaafatamaasi, Bulchaan ummataa tikseedha, waan tikse irraa ni gaafatama, namni dhiiraa mana isaa irratti tiksee dha, waan tikse irraa ni gaafatama, dubartiin mana abbaa warraa ishee fi ijoollee isaa irratti tiksee dha, waan tiksite irraa ni gaafatamti, gabrichi tiksee qabeenya gooftaa isaati, waan tikse irraa ni gaafatama, dhagahaa! Isin hunduu tiksee dha, waan tiksitan irraa ni gaafatamtan".

[sirrii] [Bukharif muslim irratti waliigalan]

الشرح

Nabiyyiin -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- Muslimni hunduu hawaasa keessatti itti gaafatamummaa kunuunsuu fi baachuu qabu akka qabu himan, Imaamni fi bulchaan waan Rabbi eegsise keessatti tikseedha, kanaaf seera isaanii eeguu, nama isaan cunqursu irraa isaan tiksuu, diina isaanitiin loluu fi haqa isaanii balleessuu dhabuutu isa irra jira, Namichi warra mana isaa keessatti waan isaan barbaachisu isaanif gochuu fi haala gaarin isaan waliin jiraachuu, isaan barsiisuu fi isaan adabuun itti gaafatamummaadha qaba, Dubartiinis mana abbaa warraa ishee keessatti mana isaa haala gaarin qabuu fi ijoollee isaa guddisuun itti gaafatamummaadha qabdi. ​ Khaadimni gabra ta'ee fi namni qacaramee hojjetu qabeenya gooftaa isaa keessatti itti gaafatamummaadha qaba, isa irraa waan harka isaa keessa jiru jabeessuu fi tajaajiluudhaan, inni sana irraa itti gaafatamummaadha qaba. Namni hundinuu waan isa irratti tiksee godhame keessatti tikseedha, namni hundinuu waan tiksu irraa ni gaafatama.

فوائد الحديث

Itti gaafatamummaan hawaasa Muslimaa keessatti akka waliigalatti kan jiru yoo ta’u, hundummaanuu akka dandeettii fi itti gaafatamummaa isaatin ta'a.

Itti gaafatamummaan dubartii guddaa ta'uudha, sunis haqa mana abbaa warraa ishee fi ijoollee ishee ilaalchisee dirqama ishee bahachuudha.

التصنيفات

dirqama hoogganaa, bultii jaarsaaf jaartii, joollee guddisuu