Namni urjiiwwan irraa beekumsa wohii fudhate falfala irraa damee tokko fudhateera, hanga dabaleen ni dabala

Namni urjiiwwan irraa beekumsa wohii fudhate falfala irraa damee tokko fudhateera, hanga dabaleen ni dabala

Ibnu Abbaas irraa akka odeeffametti -Rabbi isaan irraa haa jaallatu- ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Namni urjiiwwan irraa beekumsa wohii fudhate falfala irraa damee tokko fudhateera, hanga dabaleen ni dabala».

[sirrii] [abuu daawud, ibnu maajah, ahmad odeessan]

الشرح

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni baratee beekumsa urjiiwwanii fi seensa isii fudhatee, sochii isii, seensa isiitii fi ba'iinsa isiitiin, taatee dachii irratti ta'u du'a ebeluu yookaan jireenya ebeluu yookaan dhukubba isaatii fi waan sana fakkaatu waan fuulduratti argamu irratti akka ragaatti dhiheeffate, dhugaatti falfala irraa qooda wohii akka barate ibsani, ilmi namaa hanguma beekumsa kana heddummeesseen falfalas heddummeesseera.

فوائد الحديث

urjiiwwaniin raaguun haraama ta'uu isaa, inni haalota urjii irratti hundaa'uun waan fuulduratti dhufu irraa dubbachuudha; beekumsa fagoo himachuu irraa waan ta'eef inni haraama.

urjiin raaguun haraama ta'e gosa falfalaa tawhiida falleessu irraati, faallaa kanaatti immoo kallattiiwwan baruuf yookaan qiblaa baruuf yookaan yeroon yookaan baatiwwan seenuu baruuf jecha urjiiwwan ilaaluun eeyyamamaadha.

hanguma urjiin raaguu barachuu dabaluun dameewwan falfalaa irraa barchuus dabala.

urjiiwwaniif bu'aawwan sadi'i kan Rabbiin Qur'aana isaa keessatti dubbateetu jira: samiidhaaf faaya, mallattoowwan ittiin kallattii qajeelfatani, shayxaanaaf immoo furguuggeedha.

التصنيفات

waan islaamummaa diigu.